Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Nageenyaa Akka Hatattamaan Taasisamu Ka Koreen Mootummaa Itiyoophiyaa Ibsa Baase Gareen Tigiraay Hin Simanne   


TPLF
TPLF

Kaaba Itiyoophiyaa keessatti waltii bu’issa taasifamaa jiruu dhaabudaan garaa marii nagaatti akkaataa deemuu danda’amuu irratti koreen nageenyaa mootummaan itiyoophiaa hundeesse yaadaa nageenyaa qopheesse hawaasaa aduunyaatiif ibsuun isaa himamee jiraa.

Marii nageenyaa ABUT wajiin tasisifamuu irratti mootummaa bakkka bu’ee kan hirmatuu koreen nageenyaa kun, naanoo Tigraay dabalatee Kaabaa biyyatti keessatti bakkeewan walti bu’insaan midhamanif gargaarsaa namoomaa qaqqabsiisuudhaaf, tajaajilawan bu’uraa bakka turaniitti deebisuudhaaf yeroo gabaabaa keessatti waligaltee dhuukaasaa dhaabuu irraa akka gahamuu gafatee jira.

Yaadaa nageenyaa koreen kun dhiheessee ilaalchisee Komishiinin kominikeshinii mootummaa ibsaa kenneen, yaadin koreen nageenyaa irratti walii galee kun qabiyyeen isaa maal maal akka ta’ee baldhinaan ifaa gochuu baatuus, yaadiichii bakkaa bu’aa olaanaa gamtaa Afirikaatiif akka dhiihaatuu murteessuu isaa beeksisee jiraa. Gamtaan Afrikaa bakkaa mariichii itti taasifamuuf yoom akka jalqabamuu addaan baasee dafee akka beeksisuu koreen kun gaafachun isaa ibseeraa.

Mootumaan Itiyoophiyaa walti bu’isichaa karaa naadhaan xumuruudhaaf feedhii qabuu himee yaadaa nageenyaa walii galaa kana qopheesuu isaa ibsuus, jaarsummaa gamtaa Afrikaa akka hin fudhanne kan ibsaa ture ABUT ykn mootummaan naannoo Tigraay garuu yaadda muutummaa kana irratii akka amaantaa hin qabnee ibsee jiraa.

Dubbi himaan dhaabichaa Geetachewuu Raddaa deebii fuulaa tiwutarii isaanii irratti kennaniin, Tigiraay keessatti haalli gargaarsa namooma fi taajaajilawan bu’uuraa ittuu bakka isaaniitti hin deebi’in, waraanii mootummaa ittuu umnoota mootummaa naannoo Tgiraay irratti dhukaasuu dhaabuu ittu hin dhiisin, yaadaa nagaa dhiheesseeraa jechuun hawaasaa adduunyaa gowwoomsuudhaa fi holola geggeesuu irraa kan hafee bu’aa hin qabuu jedhanii mootumaan feedhii marii nageenyaa akka hin qabnee ibsaniiru.

Mootummaa itiyoophiyaa marii nageenyaatiif haal duree kan dhiheesaa jiruu ABUT jedhee kan komatuu yemuu ta’uu ABUT gamma isaatiin dhiheenyaa ibsaa karaa midiyaa hawasummatiin kenneen,ummanii Tigraay beela’aa, marsamee qabamee haala jiruu keessaatti harkaa fi miilli keenyaa hidhamee marii nageenyaa yaaduun hin danda’amu jechuun isaa gabaasameeraa.

Yaadaa ABUT kana irratti kan deebii kennan dubbi himtuun waajiraa Muummee ministiraa Biillenee Siyum, ibsii hoggantootaa bulchiinsaa naanno Tigraay iraa kennamee haalaa marii nageenyaa iraa baqachuuti ykn sababa barbaachiitii jedhanii, mootummaa halla duree kamiinuu malee torban dhufan keessaa marii jalqabuudhaaf qophaawaa ta’uu isaa beeksisanii jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG