Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiilli mana maree Yunaayitid Isteets keniyaa deeme.


Jila kongiresii U.S. kan hoogganan Seneter Kiriis Koons, naannoo Kibeera Naayiroobii, Keniyaa kakeessatti Associated Press waliin haasa’ana, Hagaya 18, 2022.
Jila kongiresii U.S. kan hoogganan Seneter Kiriis Koons, naannoo Kibeera Naayiroobii, Keniyaa kakeessatti Associated Press waliin haasa’ana, Hagaya 18, 2022.

Bu’ii filannoo Hagayaa 9 bara 2022 kenyaatti taasifamee irratti wali galtee xumuraa irraa yemuu hin ga’amnee kanatti jiilli mana maree bakka bu’otaa mootummaa yunaayitid Isteets gara biyyatiitti imalee jira.

Keniyaatti ambaasadaraa yunaayitid Isteets haaraa kan ta’an Meeg Waayitmaan, akka ibsanitti jiilii Senaater Kiriis Koonsiin hogganamuu kun, filannoo toraban darbee taasifamee akka moo’an kan ibsamee Wiliyaan Ruuto, bu’ii filanichaa mormuudhaan dhimichaa mana murtiitti geessaa kan jiran Raayilaa Odingaa fi Prezidaantti aangoo gad dhiisanii deeman Uhuruu keeniyaataa wajjin akka maryatuu himuun isaanii gabaasameera.

Prezidaanti aangoo gad dhiisan jiraanuun kan deggeraman Raayilaa Odiingaa heera fi seera biyyatii irratii hunda’uudhaan bu’ii flanichaa mana murtiitti akka falman ibsaanii deggertoonni isaanii guutumaa biyyatti keessaa jiraan hokkoraa irraa akka of qusatan waamichaa dhiheesuun isaanii beekameeraa.

Ce’umsii siyaasaa keniyaa keessatti taasifamuu nageenyaa bahaa Afrikaatiif murtessaa akka ta’ee yunaayitid Isteets akka amantu kan ibsee gabaasin kun, prezidaantiin kenyaa Uhuuruu keniyaataa Yunaayitid Istees waliin ta’uudhaan wal dhabiinsaa mootummaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa naanoo Tigraay hiikudhaaf hojjachaa akka turan, Ruwaandaa fi Rippaabiliikii Dimokraatawaa Koongoo gidduutti nageenyaa buusuu irratti waliin hirmaachuu isanii ibsamee jiraa.

Filannoo prezidaantummaa ammaa akka moo’an kan himamee Wiliyaam Ruuto ibsaa dhiheenyaa kana kennaniin dhimmaa naannoo ittu hin ta’in dhimmaa biyya keessaa irratti akka xiyyeeffatan dubbachuun isaanii gabaasameeraa.

Jiilli mootummaa Yunaayitid Isteets dhimmoottaan akkamii irratti eenyyuu wajjin akka marii taasisuu baldhinaan wantii ibsamee hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG