Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoonni Xayyaara Kaartuumii Gara Finfinneetti Balal’iaa Ture Haala Uumameen Hojii Irraa Ugguraman: Daandii Balalii Itiyoophiyaa


Faayilii- Boolee buufata xayyaara Itiyoophiyaa
Faayilii- Boolee buufata xayyaara Itiyoophiyaa

Daandiin balalii Itiyoophiyaa Kaartuum irraa gara Finfinneetti xayyaara imaltootaa balal’iaa ture waliin rakkoo wal qabateen miseensonni balalii sanaa hojii irraa ugguramuu beeksisee jira.

Daandiin balalii Itiyoophiyaa dhimma kana ilaalcisee ibsa baaseen, Wixata darbe kaartuum irraa ka’ee gara Finfinneetti balal’iaa kan ture xayyaarri daandii balalii lakkoobsi isaa ET343, hariiroo inni waaltaa to’annaa tiraafikii balalii waliin ture adda cituu isaa ragaan agarsiisu isa dhaqqabuu isaa beeksisee jira.

Xayyaarichi quunnamtiin waaltaa to’annaa traafikii blalii Finfinnee jiru waliin erga sirraa’ee booda nagaan qubachuu isaa ibsee jira.

Rakkoo sanaan wal qabatee hojjettoonni balalii xayyaara sana keessa turan hojii irraa ugguramanii qorannaan geggeessamaa jira jedhee jira. Akka ba’iin qorannaa beeksisamu bu’uura godhacuu dhaan tarkaanfii barbaachisu kan fudhatu ta’uu daandiin balalii beeksisee jira. Nageenya imaltootaa eegsisuun kan inni dursa kennuuf ta’uu isaaf kanas cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessee jira jechuun Faanaan gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG