Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Walakkaa Ta’u Gargaarsa Midhaan Nyaataa Eeggataa Jiraachuu WFPn Beeksise


Faayilii- Rakkoon midhaan nyaataa Tigraayiin mudate
Faayilii- Rakkoon midhaan nyaataa Tigraayiin mudate

Walitti bu’iinsi Ityoophiyaa gara waggaa lamaaf ture, sababa dhiyeessii boba’aa gahaa dhabuun gareewwan gargaarsaa baadiyyaa ga’uuf rakkachaa waan jiraniif, ummanni naannoo Tigraay walakkaa ta’u nyaata gahaa dhabee akka jiru Sagantaan Nyaata Addunyaa Jimaata har’aa darbe beeksiseera.

Mootummaan federaalaa baatii Sadaasaa keessa dhukaasa dhaabuu gama tokkee erga labsee booda, gargaarsa erguun deebi'ee eegalu iyyuu, hanqinni nyaata madaalamaa akkaan ol ka’uu isaaf daranuu ni hammaata jedhamee eegama jechuu dhaan dhaabbati tokkummaa mootummootaa kun qorannaa inni geggeesse beeksisee jira.

Waggaa tokko dura raayyaan ittisa biyyaa fi humnoonni michuu isaa ta’an erga gamasii ba’anii guyyoota muraasa booda, naannoo namoota miliyoona 5.5 keessa jiraatan Tigraay keessaa tajaajilli akka baankii fi telekoomii addaan cite.

Ammallee deebi’uu kan hin dandeenye yoo ta’u, kunis namoonni nyaata bitachuuf dandeetti waan hin qabaanneef Beelli gadi fageenyaan mul’ateera hanqinni nyaataas akkaan hammaachuu WFPn ibseera. Tigraay keessatti dubartoonni ulfaa ykn harma hoosisan walakkaan isaanii hanqina nyaataa kan qaban yoo ta’u, daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e du’aaf saaxilamuu gabaasichi ni mul’isa.

Guutummaa Tigraay fi naannolee ollaa Affaar fi Amaaraa keessattis, kanneen waraana kanaan miidhaman, tilmaamaan namoonni miliyoona 13 ta’an gargaarsa nyaataa barbaadu, kunis gabaasa WFP kanaan dura baatii Guraandhalaa keessa ba’e irraa dhibba irraa harka 44n dabaleera. Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti, Ebla 1 irraa eegalee boba'aan liitira miliyoona 1 fi kuma 750 qofti Tigraay seene, kunis fedhii namoomaa ji'a ji'aan naannichatti barbaachisu keessaa dhibba irraa harka 20 gadi.

Dubbi himaan mootummaa Legesse Tulu gaaffii Rooyitars boba’aan gahaa ta’ee geessuu dhabuu ilaalchisee yaada akka kennaniif dhiheesseef battala deebii hin kennine. Mootummaa muummicha ministeeraa Abiy Ahimad fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay gidduutti dhiyeenyatti akka gaggeeffamuuf karoorfamee kan ture mariin araaraas paartileen lamaan gara mariitti dhufuu hin barbaaddu jechuun wal himachuu isaaniitiin abdiin jiru dukkanaa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG