Waggoottan darban, naannoleen Affaarii fi Somaalee magalaaleen irratti wal falmaa turan jechuun Adeeyituu, Garba’iisee Gadaamaayituu fi Unduufoon, gandeen baadiyyaa naannoo isaanii jiran humnoonni Affaar waan to’ataniif jecha naannoo sanaa buqa’uu isaanii kan ibsan jiraattonni VOAf ibsaniiru.
Jiraattonni kun itti dabaluu dhaan humnoonni Affaar naannoo sana to’achuu isaanii irra iyyuu dhalattoota Somaalee magaalaalee kana keessa jiran irratti ajjeechaa fi qe’ee irraa buqqisaniiru jechuun himataniiru. Namoonni kuma 60 ta’u jedhameef naannoo sana irraa buqa’an jedhaman naannoon itti argaman misooma bu’uuraa kan hin qabaanne waan ta’eef naannoon Somaalees gargaarsa ittiin ga’uu waan hin dandeenyeef mootummaan federaalaa deggersa akka godhu gaafataniiru.
Kan torban darbe raawwatamuun isaa himamuu fi buqqaatonni Somaalee haleellaan humnoota naannoo meeshaa gurguddaa dhaan raawwatame jechuun ibsan, jiraattonni magaalaalee sanaa qe’ee irraa buqqa’u fi du’uuf sababaa ta’uu dubbataniiru.
Jiraataa Unduufuu kan ta’an Mahaadii Ladiiyyee magaalattii irraa fageenya km 70 fagaachuun bosona keessa akka jiru VOAf himee jira. Itti gaafatamaan waajjira sodaa balaa obbo Abdfattaa Mahaammed buqqaatota kanaaf nyaataa fi gargaarsa kan nyaataa hin taane dhiyeessuuf yaaliin ta’us, naannoo buqqaatonni kun jiran helikooptaraan yoo ta’e malee konkolaataa dhaan dhaqqabuun akka hin danda’amne ibsaniiru.
Forum