Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walaleessaan Akka Sheekspiir Somaaliyaa-tti Ilaalamu Du’aan Boqote


FAAYILII- Hadraawi
FAAYILII- Hadraawi

Barreessaa fi walaleessaa beekamaa Somaaliyaa Mohaammad Ibraahim Warsaamee maqaa qalamaa Hadraawiin jedhuun kan beekamu Kamisa kaleessaa magaalaa guddoo Somaalilaand Hargeisaa keessatti du’uu miseensonni maatii isaa himaniiru. Umuriin isaa 79 ture.

Walaleessaa Somaalee lubbuun jiru keessaa isa guddaa ta’ee bal’inaan kabajaan kan ilaalamu, fi “Sheekspir Somaaliyaa” jedhamee kan waamamu Warsameen, waggootaaf dhukkuba hospitaala akka ciisu isa taasise waliin wal’aansoo qabaa ture. Preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gadda biyyattii-tti dhaga’ame ibsaniiru.

"Ogbarruu Somaalee keessatti nama mallattoo dhabne,'' jedhan Mohaammad. Nama nagaa ijaaruu fi waldhabdee furuu keessatti gahee qabu, ogummaa fi walaloo isaatiin yaada lammiilee Somaalee hedduu ijaaruun fooyya'iinsaa fi tokkummaa Somaaleetiif kan yaadu dhabne jedhanii, uummata Somaalee fi maatii isaa hundaaf jajjaabinan hawwa jedhaniiru.

Pirezidaantiin Somaalilaand Musee Bihii Abdiis nama guddaa aartii fi xalayaa Somaaliyaa dhabuu isaaniif gadda isaanii ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG