Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zelenskyiin Tokkummaan Mootummootaa Keellaa Nukleraa Yukireeniif Eegumsa Akka Godhu Gaafatan


Faayilii-prezidaantii Turkii, kan Yukireenii fi Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Hagaya 18, 2022
Faayilii-prezidaantii Turkii, kan Yukireenii fi Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Hagaya 18, 2022

Ergamni dhaabbata enerjii atoomika addunyaa keellaa nukileraa Zpori-za-zihiiyaa akka hin geenye gufuuwwan kaayyoo qaban hin jiran,” jechuun Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy Kamisa darbe haasaa guyyaa guyyaan taasisaniin, dhaabbaticha maqaa dha’uun eeruun dubbataniiru.

''Raashiyaan battalumatti haalduree tokko malee bakka bu'oota dhaabbata enerjii atoomika addunyaa keellaa kana akka seenu hayyamuu qabdi,'' jedhan. Haa ta’u malee, itti dabaluunis, tooftaa nukleraa weerartoonni doorsisaaf fayyadaman bakka bu’oota kanaaf geejjiba kennuu hin dandeenye beekamaa dha.

“Raashiyaan bakka bu’oota dhaabbata enerjii atoomika addunyaa battalumatti fi haalduree tokko malee gara keellaa sana akka galan hayyamuu fi akkasumas loltoota ishee battalumatti fi haalduree tokko malee naannoo keellaa sanaa keessaa baasuu qabdi. Addunyaan kana mirkaneessuuf humna qabda,'' jedhan Zelenskyy.

“Kana yoo hin mirkaneessine, qaama galmeelee sadarkaa addunyaa nageenya niwukilaraa fi raadiyaashinii ilaallatan guutuu salphaatti kosii keessatti darbachuu ta’a, Raashiyaan sirna sadarkaa addunyaa kana balleessaa jirti” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG