Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Warshaa Nukleeraa Gadhiiftee Akka Deemtu Ta’u Qaba:Zelenskii


putin zelensky
putin zelensky

Raashaan wiixata har’a warshaa Nukleeraa kan Yukreen cinatti samii irraa haleellaa gaggeessuu jalqabuu ishee Yukreen gabaastee jirti.Yukreen guyyaa bilisummaa ishee kabajuuf qopha’aa yeroo jirtu kanatti, Raashaan haleellaa akkasii gaggeessaa jirti jechuun volaadmiir zeleniskiin akeekkachisanii jiru.

Bulchaan naannoo akka jedhanti, Rokeetonni Raashaa lafa warshaan Nukleeraa itti argamu Zaproshiyaa irraa gama dhiyaa haleelaa jiru.Haleellaan kunis manneenii fi olmaa daa’immanii akkasumas, manneen kuusaa haleelan.

Haleellaa warshaa Nukleeraa cinatti gaggeeffamu kan ilaaleen Raashaa fi Yukreen inni tokko isa kaan balaaleeffataa jiran.Tokkummaan Mootummootaa fi jaarmayoonni addunyaa kanneen biroon akka Raashaan baatii Bitooteessaa kaastee dhunfattee jirtu iddoo sana gadhiiftee akka deemtuu taasisaniif Yukreen gaafataa turte.

Warshaan Yukreen kun to’annaa Raashaa jala kan jiru ta’uus teeknishiyaanonni achii keessaa hojjataa jiran garu lammiwwan Yukreen ta’uun beekamee jira. Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes, giti isaanii kan Faransaayii, chaansilariin Jarmanii fi mummichi ministeera Briteen arfanuu bilbilaan haala kana irratti Dilbata kaleessaa mari’achuu isaanii waayit Haawus beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG