Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaa Gargaarsa Dhala Namaa Irratti Prezidaant Baaydiin Ibsa Baasan


Faayilii- Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden
Faayilii- Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Waggaa waggaan Hagayya 19 yaadatamee kan ooluu guyyaan gargaarsa dhala namaa addunyaa barana sambata dabree yaadatame ilaalchisee prezidaantiin Amerikaa Joo Baaydin ibsa baasanii jiru.

Hojjattoota gargaarsaa addunyaa irra jiran kabajna kan jedhu ibsi kun hojii lubbuu namaa baraarsuu gaggeessan keessatti yoom iyyu caalaa eegumsaa fi deggersa keenya barbaadu jedhan.Waggaa 19 dura haleellaan shoroorkeessootaa Baagdaad keessatti lubbuu hojjattoota gargaarsa dhala namaa eega fudhatee as har’a isaanii fi kanneen biroo ergasii qabee hanga har’atti hojii wal fakkaataa irratti bobba’anii ituu jiranii wareegaman,mada’an ykn butamanii fudhataman kuma hedduu yaadanna jedha ibsi ba’e.

Waggaa kana keessaa addunyaan gargaarsa dhala namaa guddaa barbaadaa jirti. Uummanni Miliyoona 300 caalaan gargaarsa bishaa qulqulluu, dawaa hatattamaa, dahannaa , nyaataa fi nyaata madaalamee, eegumsa, fi tajaajiila ka biroo barbaaadu.

Kanneen miliyoona 100 caalan manaa fi qe’e ofii irraa godaanuuf dirqaman, miliyoona dhibba hedduun immo beela’aa jiru. Knaaf jecha bulchiinsii Baaydiin waggaa dabree Doolaara Biliyoona 13 gargaarsa dhala namaaf kennuuf ciche kan jedhu ibsii kun, kunis sadarkaa addunyaa Amerikaa fi naannootti gargaarsa kennamuuf ta’u ibsee jira.

Kunis Yukreen, Afgaanistaan, Somaaliyaa Tigraay keessatti rakkoon adda addaa isaan qunnameef akkasumas baqattoota miliyoona hedduu kan Jordaan, Baaglaadish, fi kolombiyaa simachuuf akkasumas tajaajiila eegumsa fayyaa kan lubbuu olchuu Yaman keessatti gaggeessuuf ture jedha ibsii prezidaant Baaydiin baasan kun.

Maallaqii kennamuu qubsaa ta’u baatuus, Amerikaan gargaarsa guddaa arjomuun kan beekamtu ta’u fi akkuuma snanas, hojjatonni gargaarsa dhala namaa waggaa waggaan akka ajjeefaman,mada’an fi butaman irra hedduun isanis kan naannoo ta’u isaanii ibsuun, kun immo hojii isaanii irratti danqaa kan uumuu ta’uun ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG