Moloksoota amantii Kaatolikii 4 daandii guddaa kan kutaa zayiita boba’aan badhaatee kan Naayjeriyaa kibba bahaa Imoo jedhamu irraa butamanii fudhatamuu namnii naannoo tokko ibsanii jiru.
Arfanuu gar waldaa kristaanaatti deemaa turan.Dhaabatii The sisters of Jesus the sevior jedhamu Naayjeriyaa keessaa ibsa baaseen molooksonni kun Dilbata kaleessaa naannoo Okigwe Umulolo jedhamutti butaman.
Nagaa ta’anii hatattamaan akka deebifamaniif kadhannaa wal irraa hin cinne gaggeesina jedha ibsi ba’e.
Naayjeriyaa Kaaba dhiyaa keessatti gandeenii fi magaalaalee kutaa sana keessaatti lammiwwan biyyatti butamaniif itti gaafatamoo dha garee jedhe dhabamsisuuf jecha waraanni biyyatti samii irraa haleellaa gaggeessuu jalqabee jira.
Forum