Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoteela Somaaliyaa Keessatti Balaan Dhaqqabe Xumura Argatee Jira


Faayilii- Hoteela Xayaat
Faayilii- Hoteela Xayaat

Hoteela Moqadishoo keessatti gareen hidhattootaa Al-Shabaab kanneen Al-Qaidaa waliin hidhata qabaniin sochii taasifamaa jiru xumuura itti tolchuu isaa polisiin Fedeeraalaa kan somaliyaa beeksimee see jira. Kunis sochii sa’atilee 30 ta’uuf gaggeeffameen ta’u fi haleellaa gaggeeffameen namoonni 20 caalaan ajjeefamuu aangawoonni beeksisanii jiru.

Qondaallii polisii somaaliyaa Janaraal Abdii Hassan Hijaar Dilbata kaleessaa tuuta oduuf ibsa kennaniin, namoota ajjeefaman kana keessa siviloota fi humnootii nageenyaa kanneen haleellaa al-shabaa hoteela Haayaat irratti gaggeesseen ajjeefaman ta’u ibsan.

Qiyyaafata guddaa kan humnootii nageenyaa kan ture, haleellaa al shabaab hoteela kana dhukaatotaan haleelee cabsee gamoo sana uu isaan yeroo sa’atilee 30 guutuuf jedhuuf dhukaasa gaggeesseen siviloota achii keessatti rakkatan baasuu ture.

Dhaabatoonni nageenyaa kan hojii kana keessatti hirmaachuun xumuura itti tolchan kun, namoota 106 caalaa kan baraarsan yoo ta’u, isaanis dubartootaa fi daa’imman kan keessatti argaman ta’u Hijaar ibsanii jiru

Uummata somaaliyaa kanneen biyya keessaafid ta’e biyya alaa keessa jiraniif, tarkaanfiin Hoteela Haayaat keessatti fudhatamaa ture, walakeessa halkanii xumuramuu isaa ibsuun fedha.Namoonni nagaan ajjeefamuun ajjeefamuun rifaasisaa dha jedhan.

Dr. Abdulkadir Abdirahman Adan, tajaajiila Ambulaansii Aamin kan bu’ursan yoo ta’u, garee tajaajiila yeroo hatattamaa keessa jiru. Kanaafis siviloota gara hospitaalaatti deddebisaa kan turan yoo ta’u, RSAf bilbilaan Dilbata kaleessaa akka ibsanti, rakkoon kan jiru ta’uus gareen isaanii namoonni mada’an wal’ansa fayyaa akka argataniif hospitaalootatti deeddebisuu dandeenyee jirra jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG