Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namnii Kuma Shan Caalaan Tigraay Keessaa Dheessuun Bulchiinsa Amaaraa Keessa Jira: Angawaa


Faayilii-Tigraay
Faayilii-Tigraay

Baatilee dabran 7 keessatti uummanni kuma shan caalaan Tigraay irraa hdeessuun bulchiinsa nananoo Amaaraa keessatti kan argamu Konyaa Raayyaa Qobboo seenuu isaanii aangawaan naannoo RSAf ibsanii jiru. Dubbii himaan bulchiinsa konyaa Raayyaa Qobboo Xilaahuun Ale akka jedhanti, uummanni kuma shan caaluu, mooraa godaantootaa Jaarii kan naannoo Sanaa keessa daahatanii jiru.

Godaantonni maqaan isaanii akka hin ibsamnee gaafatan RSAf akka ibsanti, rakkoon dinagdee fi humnaan looltummaaf ijoollee fudhachuun sababaalee akka dheessan isaan taasisee keessaati. Hawaasnii addunyaa gargaarsa dhala namaa Tigraayif kennu iyyu kanneen godaanan kun nu dhaqqabne jedhu.

Gama kaaniin mootummaa bulchiinsa naannoo Tigraayiif dubbii himaa kan ta’an Radaaii Haleefom akka jedhanti, namoonni aangawoonni naannoo Raayyaa qobboo Tiay irraa dhufan jedhan kun, dhalattoota Tigraay kanneen achuuma bulchiinsa nannoo Amaraa irraa manaa fi qe’e ofii irraa godaanan jedhan.

Dargaggoota Tigraay Humnaan looltummaaf fudhachuu himata jedhu garu soba jedhan. Embaasiin Amerikaa dhiyeenya kan akka jedheetti, michoonni Yuu Ees Eyiid (USAID) kanneen Tigraay keessa man kuusaa qaban nyaataa fi gargaarsii lubbuu olchuu guutee jira jedhyiid .Itti gaafatamtuun Embaasichaa Treesii Jaakobsan oduu gabaastotaaf baatii dabree akka ibsanti, mootummaan michoonni gargaarsaa Jabuutii irraa boba’aa litiira miliyoona lama dilaalaan ala Jabuutii irraa akka galfatan ehamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG