Xurree ittiin seenan

Breaking News

Intala Namticha Hiriyyaa Putin Eenyuutu Ajjeesee ?


 Kan Ajjeefamte intala nama siyaasaa beekamaa Raashaa Daria Dugina intala
Kan Ajjeefamte intala nama siyaasaa beekamaa Raashaa Daria Dugina intala

Intala nama siyaasaa beekamaa Raashaa fi michuu prezidaant putiin ta’e dhuka’aa bombii konkolaataa keessaan ajjeefamuu kan ilaaleen dhaabanni hojii basaasaa basaauu kan Raashaa, tajaajiila basaasaa kan Yukreen himatee jira.Lameenuu prezIdaant Putiin Yukreeniin weraruu isaanii ni deggeru.

Tajaajilli nageenyaa Raashaa kan federaala jechuun kan milkaa’iina dhaabata basaasa Raashaa KGB hojjatu guddichi akka jedheetti, ajjeechaan sambata dabree galgala kan umriin ishee 29 ta’e Daria Dugina intala Aleexandar Dugin irratti gaggeeffame, tajaajiila addaa kan Yukreeniin qophaa’ee rawwatame jedha.

Xiinxalaa siyaasaa Raashaa kan ta’an Abbas Gallyamov akka jedhanti gama oloola ofuun kun gocha dorsisaati. Walii galaan mootummaaf amanamoo kanneen ta’an akkasumas kanneen sagalee isaanii kennaniif kun mallattoo addaa kan dinummaan wal ilaaluuf lafa Raashaa seenuu isaa kan agarsisuu yoo ta’u, kana jechuun immo kun ammaan booda,duula waraanaa qabatamaa hin taanee kan ofuumaa Televiziyoona irratti daawwatamuu akka hin taane agarsiisa.

Kunis Raashaa keessatti waan gaggeeffamee dha.Krimiyaa qofatu bombiin haleelamee miti.Garu haleellaan shoroorkeessootaa kutaa Moskoo keessatti gaggeeffamee jira.

Balaa kanaaf itti gaafatama kan fudhate hin jiru.Dilbata dabree gorsaan prezidaantii Yukree, lammiwwan Yukreen dhohiinsa Bombii kokolaataa keessaa kana harka keessaa hin qaban jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG