Dhaabbati nukileraa kan tokkummaa mootummootaa kan Raashaa fi Yukireen haleellaa raawwatte jechuun walii isaanii himatanii fi balaa nukleraa geessisuu danda’a jechuun akeekkachiise, nageenya keellaa nukleraa guddicha Awrooppaa kan Yukireen gama bahaa keessa jiru gamaaggamuuf irra deebi’uun gaaffii dhiyeessee jira.
Hoogganaan dhimmootii siyaasaa kan tokkummaa mootummootaa Roozmarii Dikaarloo, golli naga eegumsaa haala keellaa nukileraa Zapo-rizaa-zihaa ilaalchisuun wal ga’ii hatattamaa geggeesseen, daayirikterri ol aanaan dhaabbata enerjii Atoomika addunyaa Raafaa’el Giroosii, gurmuun dhaabbatichaa keellaa sana irratti nageenyi eegamuu fi hojii eegumsaa ilaalchisee hojii barbaachisaa hojjechuuf akka ergamu gaafataniiru.
Roosimerii Dikaarloo akka jedhanittiTokkummaan mootummootaa, Dhabbata Enerjii Atoomika addunyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu dhaan, Yukireenii fi Raashaan yoo walii galan ta’e, ergama dhaabbata enerjii atoomikii Kan Yukireen keessaa kamiinuu deggeruuf dandeettii loojistikaa fi nageenyaa qabaachuu keenya xiinxallee jira. Gareeleen lamaan, gurumuun kun keellaa sana akka seenuuf danqaa tokko malee daandii akka saaqan irra deebi’uun ni gaafanna jedhan
Daayirikterri dhaabbata enerjii atoomikaa ibsa kennaniin ergammi sun guyyoota itti aanan keessa yoo mariin jiru milkaa’e hojii itti fufa jedhamee eegama.
Keellaan nukileraa Zaa-poori-zaa-zihaa erga Raashiyaan jalqaba baatii Bitootessaa weerara geggeessitee qabee to’annaa ishee jala jira. Ogeessonni teekinikaa Yukireen hojii meeshaa nukleraa hojjechuu itti fufanii jiru.
Forum