Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Keessatti Dhibeen Eboolaa Deebi’ee Ka’e


Faayilii-Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Keessatti dhibeen Eboolaa Deebi'ee ka'e
Faayilii-Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Keessatti dhibeen Eboolaa Deebi'ee ka'e

Rippaablikiin Dimokiraatawaa Koongoo ka lubbuu galaafatu weerarri vaayiresii Eboolaa dhabamuu isaa mirkaneessitee torban tokko booda namni haaraa qabamuu isaa ibsitee jirti. Angawoonni eegumsa fayyaa Beenii keessaa biyyattiin vaayiresicha irraa walaba ta’uu beeksisan namni haaraa vaayiresichaan qabamuu mirkaneessaniiru.

Angawoonni kun torban darbe kan du’aan boqotan dubartii waggaa 46 irratti qorannaa geggeessameen vaayiresii kanaan qabamuu isaanii ibsaniiru. Institiyuutiin Biomedical ka biyyoolessaa akka jedhetti vaayiresiin kun argamuun weerara kana duraa waliin kan wal qabate jedhee jira.

Ogeessota eegumsa fayyaa 60 dabalatee namoonni dubartii kana waliin walitti dhiyeenyaan wal argan 160 argamuu illee angawoonni dubbatanii jiran.

Iboolaan dhangala’aa nama dhukkubsate yoo tuqan dhibee daddarbuu dha. Mallattoon isaa qaamni martinuu dhukkubbiin itti dhaga’amuu, haqqisuu fi dhiigi qaama keessatti dhiiguu of keessaa qaba. Dhiyeenya Koongoo keessatti weerara ka’een, kutaa Ekuwaateewor keessatti namoonni afur Iboolaan qabamuun ka mirkanaa’ee fi tokko kan shakkame yoo ta’u arfanuu du’uu Jarmayaan Fayyaa Addunyaa gabaasee jira.

Afriikaatti itti gaafatamtuun Jarmayaa Fayyaa Addunyaa Matshiidisoo Mo’etii, Koongoo gama bahaa keessatti Iboolaan deebi’ee ka’uun kan isaan yaaddesse ta’uu ibsaniiru. Garuu ogeessonni fayyaa biyyattii keessaa vaayiresicha akka to’atan amantaa kan qaban ta’uu dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG