Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gareen hidhattoota Islaamummaa Al-Shabab Jimaata darbe magaalaa guddoo biyyattii keessatti hoteela tokko irratti haleellaa raawwachuun yoo xiqqaate namoonni 21 ajjeesuu fi 100 ol erga madeesseen booda “waraana guutuu” labsan.
Pirezidaantiin Hasan Sheek Mohaammad Kibxata halkan haasawa televijiinii irratti taasisaniin, gareen kun magaalaa guddoo biyyattii Moqdishoo keessatti haleellaa hoteela irratti geggeessee lubbuu namaa galaafate guyyoota muraasa booda, mootummaan isaanii garee hidhattoota Islaamummaa al-Qaayidaa waliin hidhata qaban al-Shabab irratti “waraana guutuu” akka banamu beeksisaniiru .
Mohaammad diina injifachuuf yeroon walitti dhufuu amma ta’uu eeranii, sochiin waraanni dhiyeenya kutaalee biyyattii keessatti gaggeessaa ture, naannoo giddu-galeessa Galmudug fi naannoo Kibba Lixaa dabalatee, lafa guddaa horateera jedhan.
Yaadi isaanii kun kan dhaga’ame haleellaa hoteela Hayaati irratti raawwatame ilaalchisuun erga mana maree nageenyaa biyyattii waliin mari’atanii booda.
Ummanni Somaalee gadda dhuma hin qabne akka nuffisiise beeka jedha. Shororkeessitoota gara laafina hin qabne nagaa biyyattiif diinummaa qaban irratti waraana hunda galeessa ta’eef ummanni qophaa’uu akka qabu dhaamaniiru.
Forum