Xurree ittiin seenan

Breaking News

Turtii Baatilee Shanii Booda Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Keessatti Lolli Deebisee Jalqabame


FAAYILII-Lolli Itiyoophiyaa gama kaabaa deebisee eegale
FAAYILII-Lolli Itiyoophiyaa gama kaabaa deebisee eegale

Kaaba Itiyoophiyaa keessatti hidhattoota mootummaa fi hidhattoota Tigraay gidduutti roobii har’aa lola jalqabameef walii galtee lola dhaabinsaa baatii shaniif ture cabsite jechuu dhaan gareen lamaan wal yakkaa jiran.

Lolli haaraan kun kan baname walitti bu’iinsa hamaa baatilee 21f ture dhaabsisuuf marii geggeessuu yaaliin ta’u fooya’ina waan hin argamsiisiniif gareen lamaan wal himataa jiran.

TPLF roobii har’aa jalqaba humnoonni mootummaa fi michoonni isaa kallattii Tigraay kibbaatiin haleellaa hamaa raawwachuu isaanii ibse. Tajaajijlli kominikeeshinii mootummaa garuu TPLF jalqaba haleellaa raawwachuun walii galtee sana diige jechuun himatee jira.

Filmaata nagaa mootummaa Itiyoophiyaan dhiyaate hedduu boodatti dhiisuu dhaan TPLF ganama sa’a 11 irraa jalqabee Tigraay kibbaa keessatti haleellaa raawwate jechuun ibsa baaseen beeksisee jira.

Itiyoophiyaa gama kaabaa seenuuf daandiin jiru murtaa’aa waan ta’eef himannaa garee wal himatanii dhuunfaan mirkaneessuun hin danda’amne, garuu Kibba Tigraay naannolee Amaaraa fi Affaar wal daangeessan irratti waraanni geggeessamuu gabaasaaleen ibsanii jiran.

Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Redaa Naayiroobii kan jiru AFPf ibsa kennaniin har’a ganama haleellaa sana kan jalqaban har’a ganama sa’a 11tti ture. Nutis qabiyyee keenya irraa ittisaa turre jedhan.

Fuula Twitter isaanii irratti akka ibsanitti qabiyyee keenya adda waraanaa kibbaa jiru irratti waraana Itiyoophiyaa fi hidhattoota naannoo hollaa Amaaraan haleellaa hamaan raawwatameera jedhan. Lola dhaabinsi baatii Bitootessaa keessa tolfamee hojiin gargaarsa dhaabolii addunyaa Tigraay

keessatti deebisee akka jalqabamu taasisuu dhaan walitti bu’iinsa hamaa Sadaasa bara 2020 jalqabame akka dhaabatu taasisee jira.

Gama biraan ambaasaadder Reedwaan Huseen ergaa Twitter maxxansaniin, Xiyyaarri qabeenyaa kan diinota seenaa biyya keenyaa kanneen wal walii keenya finciluu dhaan biyya keenya laaffisuuf fedhii addaan hin cinne qabaniin beekaman ta’e tokko, meeshaa waraanaa fe’ee Maqaleetti utuu buusu rasaasaan rukutamee akka kufe ibse raayyaan ittisa biyyaa ibseera jedhan.

Dhuma irratti muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa lolli kun eegaluun kan isaan rifachiise ta’uu ibsaniiru.

Lolli ETHIOPIA keessatti deebi'ee jalqabuun isaa baay'ee na rifachiise, na gaddisisa. Waamichi koo guddaan, waaraanni hatattamaan akka dhaabatuu fi mootummaa fi TPLF gidduutti kan jalqabame mariin araaraa deebi’ee akka itti fufu, gargaarsa namoomaaf karaan akka saaqamuuf tajaajilli uummataa bakkatti akka deebi’u jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG