Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Itiyoophiyaan Haaragalfii Kaffaltii Liqii Gaafatte Ilaalamuu Jalqabe


Faayilii - Dhaabbata maallaqa Addunyaa
Faayilii - Dhaabbata maallaqa Addunyaa

Itiyoophiyaan liqii ishee irraa jiruu kaffaluu irraa haaragalfii argachuudhaaf gaafiin bara 2021 biyyootaan liqii ishee irraa qabaniif dhiheesite deebii argachuu akka qabu koreen biyyoottan maallaqaa liqeesanii dhimmaa gaaffii Itiyoophiyaa irratti hojachaa jiru ibsuu isaa maddii Oduu Rooyiters gabaasee jira.

Itiyoophiyaan gaafii kana kan dhiheesitee akkataa qajeelfama gumii biyyoottan garee 20 ykn G-20 jedhamanuun akka ta’ee kan ibsee gabbasiinii Rooyitars kun gaaffichii wal waraansaa kaabaa Itiyoophiyaa keessaa ji’oottan 21 fi tureen rakkinaa keessa galee turuu isaa beeksiseera.

Koreen dhimmaa liqii Itiyoophiyaa ilaalu innii Chaaynaa fi Fraansiin hogganamu Roobii kaleessaa akka jedheetti miseensonni biyyootanii fi dhaabilee liqii kennanii dhimmaa gaafii Itiyoophiyaa irratii maryachuu isaani akka beeksisaan Rooyotersa gabaaseeraa.

Dhimma liqii kanaa irratti waxabajii darbe IMF bakka bu’oota Mootummaa Itiyoophiyaa wajjin maryachuu isaa akka tarkaanfii gaariitti fudhateeraa.

Jiilii IMF ji’a dhufu keessaa walgahii biraa mootummaa Itiyoophiyaa wajjin akka taasisuuf deemu gorsaa olaanaan ministeeraa maallaqaa Itiyoophiyaa himuun isaanii gabasameeraa.

Dhaabanii Maallaqaa Adduunyaa baankiin addunyaa fi wareen biroo biyyii liqii hedduu Itiyoophiyaa irraa qabduu Chaayinaani fi dhaabileen dhuunfaadhaan liqii kennan akkaa liqii fooyyensa liqii biyyootan miseensaa G-20 akka dhimaa haaragalafanaa kaffaltii liqii Itiyoophiyaa, Chaadii fi Zaambiyaa ilaalan dhiibaa taasisaa jiraachuu isaanii kan gabaasee Rooyiters dhimichii Xeyyeeffanaa argachuusaatiif mootumaan itiyoophiyaa koree dhimicha qabatee jiru galateeffachu isaa ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG