Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kibba Itiyoophiyaa Keessatti Daa’imman Sababa Beelaatiin Du’uun Himame


FILE - Hongee Itiyoophiyaa gama kibbaa miidhe

Bulchiinsa kibba Itiyoophiyaa aanaa addaa Ammaarroo keessatii daa’imman Sababa balaa hongeetiin hubamanii waldhaanamaa jiran keessaa Sadii torban kana keessaa du’uu isaanii biiroon fayyaa aanichaa beeksisuu isaa Yoonaatan Zebdiyoos gabaasera.

Akkaa haanga’onni fayyaa aanaa addaa Ammaaroo jedhanitti daa’iman 800 ta’an hanqina midhaan nyaataa gaahaa dhabuudhaan miidhamanii mana waldhaansaa seenaniru.

Itti gaafatamaan Biiroo qotiinsa annichaa Gooshuu Geetacheewu gama isaaniitiin jiraattonni aniichaa kuma 100 fi kuma 50 ta’an gargaarsa midhaan nyaata attatamaa akka barbaadan ibsuu isanii Yoonaatan Zebdiyoos magaalaa Hawaasaa irraa gabaaseeraa.

Forum

XS
SM
MD
LG