Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa fi IGAD Gareelee Itiyoophiyaa Wal-waraansatti Deebi’aniif Waamichaa Nageenyaa Dhiheessan


Asxaa Gamtaa Afrikaa dallaa waajjiraa muummee Finfinnee irraa, Sadaasa 8, 2021
Asxaa Gamtaa Afrikaa dallaa waajjiraa muummee Finfinnee irraa, Sadaasa 8, 2021

Mootummaan Itiyoophiyaa fi mootummaan naannoo Tigraayi akka harratti jalqaban atattamaan dhaabanii akka garaa marii nagaatti deebi’an komishiiniin gamtaa Afrikaa, IGAd fi haanga’oonii Sagantaa midhaan nyaataa Aduunyaa waamichaa dhiheesaan jiru.

Gabbasiin kenedii Abaatee Finfinne irraa ergee akka ibsetti dura ta’aan Komishiinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mohaamat , gareewan lamman attatamaan dhukaasaa dhaabanii akka marii nageenyaa addaa cite bakka bu’aa gamtaa Afrikaa kan ta’n prezidaantii Naajeriyaa duraanii Oluseeguun Obasaanjoo wajjin akka itti fufan gaafataniiru.

Haanga’oonii mootuamaa naanoo Tigraay Jila addaa gamtaa Afrikaa Oluseeguun Obasaanjoo Irratti amaantaa akka hin qabnee irra deddebi’anii himaa jiraachuun isaanii ni yaadatama.

Karaa biraatiin hogganaan dhaabataa misoomaa biyyoottan gaanfaa Afrikaa/IGAD kan ta’am Dr. Warqineeh Gebeyyehu dhukaasnii ariitidhaan dhaabbatee gareen lammanuu akka gara marii nageenyyatti deebi’an gaafachuun isaanii gabaasameejira.

Daarekteerrii Dhaabaata sagaantaa Midhaan Nyaataa Adduunyaa ykn FAO Deeviid Biisley mana kuusa garagaarsaa namoomaa dhaabatichaa isaa magaalaa Maqaleetti argamuu keessaa umnoota ABUT kan fudhatamee boba’an liitrii Kuma 500 fi kuma 70 akka bakka isaatii deebifamuu gaafachuun isaanii fi yoo boba’a gargaarsii namoomaa ittin raabsamuu hin jiraanne namoonni miiliyoonaatii lakkawaman beelaaf akka saaxilamman himuun isaanii beekameeraa.

Ministeeraa Dhimmaa alla mootummaa yunaayited isteets ti biiroon dhimmaa Afrikaa gamaa isaatiin ijjannoo dhaabbataa mootummootaa gamtoomanii degeruudhaan ABUT boba’aa mana kuusaa FAO keessaa fudhatan akka deebisan gaafachuu isaa gabaasnii Kenedii Abaatee ibseera.

Addii Bilisummaa Ummta Tigraay ibsaa har’aa baaseen wa’ee boba’aa gargaarsa namoomaa samuu guutummaatti dharaa jedhee haaluun isaa beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG