Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angoolaa Keessatti Paartiin Tokko Injifate Waggaa 52 Bulchuuf Deema


Faayilii-Prezidaantii Angoolaa t Joao Lourenco buufata filannootti ennaa saglee kennan, Hagaya, 24, 2022.
Faayilii-Prezidaantii Angoolaa t Joao Lourenco buufata filannootti ennaa saglee kennan, Hagaya, 24, 2022.

Paartiin Angolaa bulchaa jiru waggoota kanneen biroo 5 aangoo irra turuu kan mirkaneeffate yoo ta’u, walii galaan waggoota 52f aangoo irra turuuf deema. Paartiin mormiitu guddichi kan biyyatti garu, ba’ii filannoo Robii dabree labsamee irratti falmuuf jira.

Dubbii himaan komiishiina filannoo Luqaas Quilondo akka jedhanti, paartiin bulchaa jiru sagalee lakka’ame harka 51,7 kan argate yoo ta’u, kunis miseensoota paarlaamaa 124 akka rgatan taasiisa.

Yunitaan sagalee harka 44.5 waan argateef jecha, paarlaamaa keessatti barcuuma 90 argachuuf isa gargaara. Yunitaan akka jedhutti, komishinni filannoo waan seera qabeessa hin taanee kan seera filannoo alaa hordofee labsuun nu ajaa’ibsisee jira jedha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG