Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaaf Beelli Sodachisaa Jira


Faayilii- Lammiiwwan Somaaliyaa kanneen naannoo hongeen dha'e jalaa dheessanii dugdee Moqqadishoo qubatanii turan Waxabajjii 30, 2022.
Faayilii- Lammiiwwan Somaaliyaa kanneen naannoo hongeen dha'e jalaa dheessanii dugdee Moqqadishoo qubatanii turan Waxabajjii 30, 2022.

Somaaliyaa Kibba Dhiyaa keessatti caamnii ammaan dura mudatee hin beekne haala beela fakkaatu uumuutti dhiyaachuu isaa aangawoonni biyyatti beeksisanii jiru. Kanneen mooraa baraarsaa haaraa dhaqqabaa jiran, lubbuun turuuf jecha gogaa beeleedaalee nyaataa jirra jedhu.

Mooraa baraarsaa haaraa kan handaara magaala Baaydo’aatti argamuu Sumadle dhaqqabaa namoonni jiran kan hawaasa moggatti qabmanii loogiin irratti gaggeefamaa ture kan gosa Eyle lafoo kilo meetra 150 caalaa deemuu isaanii dubbatu.Kunis beeleedaalee fiwaan facaafatan mara marsaan sadii rooba dhabuun eega jalaa dhumanii booda.

Bulchiitu mooraa kanaa kan ta’an Habiboo Haydar akka jedhanti, mooraan kun namoota haaraa dhufan 300 caalaa kanneen waan nyaatan hin qabneetu keessa jiraata.Hangii tokko googaa beeleedaalee nyaachuu jalqabanii jiru.sababiin isaas haga ammaatti gargaarsa dhala namaa hin arganne jedhan.

Kiloomeetra 2 fi walakkaa fagaateeimmo mooraa kanneen godaanan keessa jiran kan meerii koorps jedhamuu fi garee gargaarsa dhala namaa Amerikaan gaggeeffamu, namoota achii jiraniif bishaan fi maallaqa kennuun mooraa sna keessa akka jiraatan godhuus. Ga’aa miti jedhan.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhutti, lammiwwan simaaliyaa Miliyoona 7.7 kanneen walakkaa hedduumina uummata biyyatti ga’uuf jiran, sababaa caamaan gargaarsa dhala namaa barbaadu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG