Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Xayyaaraa Har’a Magaala Maqalee Irratti Gaggeeffameen Namni 4 Ajjeefaman: Hospitaala


Faayilii- Haleellaa Xayyaaraa Maqalee Keessatti raawwatame
Faayilii- Haleellaa Xayyaaraa Maqalee Keessatti raawwatame

Haleellaan Jimaata har’a walakeessa guyyaa irra xiqqoo dabree gaggeeffame kun magaala maqalee keessa kan jiru masaraa mootii Atsee yohannis gama kaabaa keessatti kan argamu waaltaa itti ijoolleen xabatanii fi manneen jireenyaa irratti kan rawwatame ta’uun ibsamee jira.

Haga gabaasnii kun qindaa’eetti namoonni nagaan 4 ajjeefamu ragaan Hospiita rifeeraalaa Aydeer biraa argamee kan hubachisee yoo ta’u, meedikaal Daayreekteera hospitaala kanaa kan ta’an Dr. Kibroon Gabra Sillaase RSAf akka ibsanti, namoota ajjeefaman 4 keessaa 2 daa’immanii.

Namoonni ka biroon 9 mada’anii wal’anamaa kan jiran ta’u ibsanii meeshaalee wal’ansa fayyaa fi dawaalee ilaalchisee hanqiinni guddaan yeroo jiru kanatti, namaoota kana wal’anaa jirra jedhan.

Kan haleellaan kun samii irraatti gaggeeffamee Reeyz kiids paaraadaayiz, jedhamuuf hojii gaggeessaa kan ta’an Obbo Tawaldee Kabbada naannoon suun manneen jireenyaa fi waaltaa da’imman keessa taphatan fi manni barumsaa keessa jiru malee, sochiin waraanaa kan keessa hin jirre ta’u ibsan jechuun Mulugeeta Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Maddeen gareeleen gargaarsa dhala namaa lama haleellaa samii irraa magaala Maqalee irratti gaggeeffame kan kan mirkaneessan yoo ta’u gad fageenyaan waan jedhan hin qaban.

Gama kaaniin Angawoonni ABUT mootummaan Itiyoophiyaa naannoo siviilonni jiraatan haleelee jechuun himatanii jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa duraan maadheelee waraanaa Tigraay keessaa filataman kan haleeluu ta’u beeksisee ture. Ibsii mootummaa Itiyoophiyaa baase akka jedhutti, mootummaan federaalaa haal duree tokko malee marii gaggeesuuf qohiin jiraatuus, humnootii waraanaa kanneen ABUT fi madda farra nagaa ta’an irratti qiyyaafachuun tarkaanfii fudhata jedha.

Uummanni keenya kan Tigraay keessaa naannoo lee ABUT meeshaa waraanaa fi leenjiif itti gargaaramau ittiin jedhe irraa akka gagaatan ibsii kun gaafatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG