Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Tigraay Keessaa Karaa Nagaan Furuu Barbaanna: Mootummaan Itiyoophiyaa


Faayilii-Ambaasaadder Melles Alem
Faayilii-Ambaasaadder Melles Alem

Mootummaan Itiyoophiyaa Walitti bu’iinsa Tigraay keessaa karaa nagaan furuun kana barbaadu ta’u ibsa kaleessa baaseen beeksisee jira.Addi bilisummaa uummata Tigraay (TPLF) tarkaanfii fudhataa jiruu ittiin jedhee fi walitti bu’iinsa jiru karaa nagaan furuu diduu isaaf hawaasnii addunyaa ifatti akka balaaleeffatuuf Ministeerri haajaa alaa Itiyoophiyaa gaafatee jira.

Addi bilisummaa uummata Tigraay gama isaan mootummaan federaalaa kan Itiyoophiyaa walitti bu’iinsa biyyatti gama kaabaa keessaa karaa nagaan furuuf yaalii ta’u gufachiisan jechuun himate.Dubbii himaan Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Geetaachoo Raddaa Twitarii irratti akka barreessanti mootummaan Itiyoophiyaa humnootii isaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessaa qabuun tuttuqqaa torban tokkoo gaggeessaa eega turee booda Robii dabree tarkaanfii haleellaa labsee jedhan.

Hawaasnii addunyaa gam lameen walitti bu’iinsa kanatti xumuura akka tolchan gaafataa jira. Ministeerrii dantaa alaa Itiyoophiyaa akka jedhutti ABUT guutummaan itti gaafatamaa akka ta ‘e beekuu qaba jedha.

Itti fuufees gam lameen walitti bu’iinsa kana xumuura akka itti tolchan gaafachuun, dhugaa lafa irra jiru haaluun ABUT daran akka ija jabaatu taasiisa jedha ibsii ministrii Itiyoophiyaa kun.

ABUT akka jedhutti immo mootumaan dhukaasa dhaabiinsa baatii Bitooteessa keessa gargaarsa dhala namaa seensisuuf jecha tolfame cabsuun humnootii isaa qindeessuun haleellaa wal irraa hin cinne Robii dabree jalqabee jedha.

Gama kaaniin, Jaarmayoonni gargaarsa dhala namaa kan addunyaa ABUT boba’aa liitra kuma 500 fi kuma 70 kan man- kusaa jaarmayaa sagantaa nyaata addunyaa isa Maqalee jiru keessaa hatee akka deebisuuf gaafataa jiru.

Bulchiituun jaaramaayaa misooma sadarkaa addunyaa kan yunaaytid Isteetis (USAID) Samaantaa Paawar, boba’aa kana akka deebisuu akkasumas hojii gargaarsa dhala namaa gaggeeffamuu akka kabajuuf gaafatan.

ABUT hanna gaggeesse kanaa fi hojjattoota gargaarsaa irratti doorsiisa gaggeesse ittiin jedhan USAID jabeessee balaaleeffachuu isaa ibsan. ABUT akka jedhutti, boba’aa kana irraa liqeeffatanii akka turanii fi deebifachuunis mirga isaa ta’u ibse.

Mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay boba’aa murtaa’aa harkaa qabu irraa liqeessuun kan irraa hin eegamne ta’u fi akka deebifamuufis kan hin gaafanne ta’u ibsii ba’e hubachisee jira.

Jaarmayoota addunyaa keessaa ji’a ji’an boba’aa liitra miliyoona lama dilaallii ituu hin baafamiin biyya keessa galchuun hojii gargaarsa dhala namaa Tigraay keessatti gaggeeffamuuf akka olchuuf , mootummaan Itiyoophiyaa ehama kan kenne USAID qofaaf ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG