Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Addunyaa Warshaa Nukleeraa Yukreen Daawwachuuf Jira


Faayilii- Keellaa Niwkileraa Zaporizaaziyaa Hagaya 22, 2022.
Faayilii- Keellaa Niwkileraa Zaporizaaziyaa Hagaya 22, 2022.

Hogganaan dhaabata enerjii atomikaa kan Tokkummaa Mootummootaa akka jedheetti, gareen tokko warshaa Nukleera Yukreen isa Zaaporeziyaa keessaa kan to’annaa Raashaa jala amma jiru daawwachuuf qajeelaa jira.

Iddoon kun Raashaan eega Yukreeniin weerartee as naannoo daangaa adda waraanaa jira. Dhaabata eneerjii Atomiikaa kan addunyaaaf daayreekteera walii galaa kan ta’an Raafaa’eel Marinoo Grossi Twitarii irratti akka barreessanti, garee kan hogganaa kan jiran yoo ta’u, gara dhuma torban kanaatti warshaa Nukleeraa sana dhaqqaba.

Yukreenii fi Awuroopaaf warshaa nukleeraa guddaa ta’e kana nagaa ta’u isaa hubachuu fi eegumsa gochuufii qabna jedha Grossiin.

Dhaabatii sadrkaa addunyaa kun akka jedhutti, imalli isaa ka duraa midhaa warshaa kana irra ga’e xiinxaluu yoo ta’u, nagaa fi nageenya isaaf caasaan jiran hojjachuu isaanii ilaaluu fi hojjattonni achii keessaa haala attamii irra akka jiran hubachuun, eegumsii taasifamuufii qabu hatattamaan akka argatan gochuu dha.

Raashaan weerara baatii 6f Yukreen irratti gaggeessite kana keessatti warshaa kana kan to’attu yoo ta’u, garu kanneen warshaa sana keessaa hojjataa jiran, injineeroota Yukreen ta’uun ibsamee jira.

Raashaan Dilbata kaleessaa naannoo warshaa kanaatti haleellaa Rokeetaa fi meeshalee gurguddoo kan gaggeessite yoo ta’u, angawoonni yukreen immo midhaa guddaan dhaqqabuu gabaasan.

Prezidaantiin Yukreen Volodmiyeer Zeleenskii Dilbata kaleessaa galgala uummata isaaniif haasawaa dhageesisaniin, baatii ja’a keessatti lafa Raashaan qabattee kan Yukreen keessaa deebisnee qabanna jechuun dhaadatan.

Zeleenskiin akka jedhanti, torban kana waan baayyee hojjachuuf akka jiran, mootummootaa fi biyyoota Yukreeniin deggeranti iyyachuu itti fuufna jedhan.Kunis Raashaa irra uguura haaraan akka irra ka’amuuf hojjachuu of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG