Xurree ittiin seenan

Breaking News

Triippoolii Keessatti Hokkarri Mootummoota Wal-morman Gidduutti Ka'e Lubbuu Galaafate


Faayilii-walitti bu'iinsa Liibyaa
Faayilii-walitti bu'iinsa Liibyaa

Libiyaa keessatti humnootiin bulchiisoota wal mormanii giddutti walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate namnii 23 ajjeefamanii kanneen biroon 140 ta’an madaa’uu ministriin Fayyaa ka biyyatti Dilbata kaleessaa beeksisee jira.

Daandiilee magaala galma mootummaa biyyatti Tripolii irratti kokolaataan gubaman kan mul’atan yoo ta’u, humnootiin hidhatan kan gama lameenii magaalatti to’ataa jiru. Kunis waggaa lamaaf tasgabii hangii tokko eega argamee booda hokkarri eega deebi’ee eega ka’ee booda.

Sabaa himaan naannoo akka gabaasanti, milishoota brigeedii warraaqsaa Tripolii jedhaman kan Hitham Tajouriin hogganamuutu, garee milishaa ka biraa Abdel-Ghani Al-Kikli waliin wal ta’e kan Gheniwaan hogganamuu waliin wal waraanan.

Mootummaan mummicha ministeeraa Abdul Hamid Dbeibah kan Tripoolii keessatti maadheeffate akka jedhutti, milishaan tokko milishaa isa kan biraaatti ennaa dhukaasu walitti bu’iinsii uumamee.

Dorgommii aangoo mummicha ministeeraa Dbeibah fi his mormituu kan ta’e mummicha ministeeraa magaala handaara galaanaa Sirte jedhamtu keessa madheeffatee gidduu jiruutu, hokkara kana dabran kan hammeesse fakkaata.

Qabeenya boba’an kanbadhaatee Libiyaan hogganaan ishee abbaa irree kan yeroo dheeraa Moammar Gaadaafii aangoo irraa darbamanii bara 2011 eegaa ajjjefamanii booda, jeeqamsa keessatti kufte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG