Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitiin Baahir-Daar Atileet Daraartuu Tulluu Dabalee Doktoorummaaa Kabajaa Namoota Lamaaf Kenne


Faayilii: Komaander Atleet Daraartuu Tulluu
Faayilii: Komaander Atleet Daraartuu Tulluu

Sambata dabree kana staadiyamii yunivarsitii Baahir Daar keessatti sirna eebba barattootaa gageessee ture irratti Abuna Ermiyaasii fi akkasumas Komaandar Atleet Daraartuu Tulluuf Doktoorummaa kabajaa kennee jira.

Godiina walloo kaabaa fi godiina hawaasa oromoo keessa sabakaa jiruuf itti gaafatamaa kan ta’an Abuna Ermiyaas fi Atleetiinn Itiyoophiyaa beekamtuun Komaandar Daraartuun, biyyaa fi lammii ofiif waan gumaachan irraa ka’uun badhaafamuun isaanii ibsamee jira.

Qaamaan iddoo sanatti kan hinargamnee Abuna Ermiyaas dhaamsa isaani waraabameen, wal waraansii akka dhaabatuuf isiniin kadhadha jedhan. Yeroo wal waraansa hamaa ammaan duraa sna achii waaniin tureef jecha wal waraansii eebyuuf iyyu gaarii akka hin taane argeera jedhan.

Komaandar Daraartuu Tulluu gama isheen, doktoriin kabajaa naa kennamee kun, kan koo qofa mitii jechuun haasawaa dhageesifteen, kanneen dirree addunyaa irratti gama atleetiksiin injifatanii alaabaan biyyatti waltajjii irratti ak ol ba’u taasiisan akkasumas leenjiiftootaa fi kan federeeshinii atleetiksii Itiyoophiyaa ta’u ibsuun barbaada jettee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG