Humnootiin Tigraay magaala bulchiinsa naanoo Amaaraa keessa jirtu qabatan oduu jedhu soba ta’u dubbii himaan bulchiinsa naannoo Tigraay ibsanii jiru.Dilbata kaleessaa galgala sabaa himaan addunyaa hangii tokko Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) magaala Waldiyaa seenuu kan gabaasan yoo ta’u, wiixata har’a bakka bu’aan ABUT RSAf akka ibsanti soba amma ammaatti hin seennee jedhan.
Haga ammaatti wal waraansii haaraa ka’e kun, magaala Qobo irraa gara kaabaa fagaatee seenaa jira.Waldiyaan immoo Finfinnee irraa fageenya kiloomeetr 300 caalaa irra kan jirtu yoo ta’u daandii Maqalee irraa gara kibbaatti akkasumas gara Finfinnee tti geessuuf iddoo tarsimoo qabeetti dha.
Yeroo fedheetti iyyu ABUT gara kibbaatti fagaatee deemuun mootummaa Federaalaa dammaqinaan akka ilaaluu taasiisa.
Waggaa dabree ABUT daandii sana irraa magaala Dasee eega to’atee booda, Finfinnee irraa fageenya kiloo meetra 200 irra ga’uun ni yaadatama.
Walitti bu’iinsii kun torban dabree ka’u isaaf mootummaan Itiyoophiyaa fi ABUT inni tokko isa kaan himataa kan jiran yoo ta’u, Jimaata dabree mootummaan Itiyoophiyaa samii irraa haleellaa gaggeesseen magaalaa maqalee keessatti olmaa daa’immanii haleeluun yoo xiqqaate nama torba ajjeesuun ni yaadatama.
Forum