Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qamadiin Gargaarsaa Yukireen Irraa Gara Itiyoophiyaatti Ergame Jabuutii Dhaqqabee Jira


FAAYILII - Oomisha Qamadii naannoo magaala Kiiyiv, Yukireen
FAAYILII - Oomisha Qamadii naannoo magaala Kiiyiv, Yukireen

Doonii tokkummaa mootummootaatti kan fe’ame qamadiin Yukireen irraa ka’ee fi lammiiwwan Itiyoophiyaa yaaddoo beelaa keessa jiraniif yaadame har’a Jabuutii seenee jira.

Dooniin midhaan toonii 23.000 fe’ate kun andaara galaana gaanfa Afriikaa kan dhaqqabe galaana gurraacha kan andaara galaana Yukireen irraa ka’ee torban lama booda ta’uu daayirkiterri ol aanaan WFP David Beasley fuula Twitter isaanii irratti barreessuun ibsanii jiru. Kanaaf qamadii kana irraa buusnee gara Itiyoophiyaatti haa geessinu jedhan.

Jarmayaan tokkummaa mootummaa mootummootaa kun akka jedhetti rakkoon wabii nyaataa fi hanqinni nyaata madaalamaa guutummaa Itiyoophiyaa keessaa yaaddessaa ta’uu isaa ibsee, uummanni miliyoona 20.4 deggersi midhaan nyaataa kan isa barbaachisu ta’uu ibsee jira.

Addunyaa irraa midhaan gara alaatti erguun adda durummaan kan beekamtu Yukireen baatii Guraanddhalaa keessa Raashiyaa dhaan erga weeraramtee booda oomisha mara alatte erguu dhaabuuf dirqamte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG