Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Godina Walloo Kaabaa Qe’ee Isaaniitti Deebi’uu Jalqaban Jedhame


FAAYILII - Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa

Walwaraansa godina walloo kaabaa keessaatii torbaan darbee taasifameen kan ka’ee namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’anii maannoo magaala Dassee qubataanii turan garra mana isaanitti deebi’aa jiraachuu isaanii gabasaan VOA Masfin Arraagee Magaala Dassee irraa ibsee jiraa.

Akka gabaasinni kun jedhetti magaalli Dassee namoottan godina walloo kaabaa keessaa qe’ee isaanii irraa buqa’aniin muddamtee erga turtee boodaa yeroo amma haalaa tasgabaa’aa ta’e keessaa jirti.

Dhaabanni mootummoota gamtoomanii namoottan walitti bu’insichaan buqa’aa jiran ilaalchisee ibsaa baaseen, gareewwan walwaraanaa jiran civiilota fi jaarmiyaalee tajaajila civiilotaatiif ollanif akka eegumsa taasisan, civiilonni bakka waraansii taasifamaa jiru keessaa jiran akka buhuu danda’aniif haalaa mijeesuu akka qaban waamichaa dhiheesuu isaa gabaasinni Masfin Arragee kun ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG