Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoottan Afrikaa Jijjiirama Qilleensaaf Tarsiimoo Haaraa Qopheeffachuu Qabu, Jedhu Prezidaantiin Gaaboon


FAAYILII - Prezidaanti  Gaaboon, Ali Boongoo Ondimbaa Guraandhala 5, 2017.
FAAYILII - Prezidaanti  Gaaboon, Ali Boongoo Ondimbaa Guraandhala 5, 2017.

Biyyottan Afrikaa haala jijjirama qileensaa isa magaalota gurguddoo ardichaatiif soda ta’ee kan gargaaruu tarsiimoo qopheefachuu akka qaban Prezidaantin Gaaboon Ali Boongoo Ondimbaa yaa’ii torban haalaa qileensaa Afrikaa marsaa sadaffaa irratti taasifama jiruuf himuu isaanii Asooshiyeeted Prees gabaasee jira.

Walgahii magaalaa gudicha Gaaboon Libreviil keessatti baname jiruu irratti presidaant Ali Boongaa akka dabalanii jedhanitti hanga’oonii Afrikaa fi ogeessonni, walgahii haalaa qileensaa kan mootummoota gamtoomanii marsaa 27ffaa isaa ji’a Fulbaanaa kana keessa biyyaa Masri keessatti taasifamuu irratti ijjannoo qabatanii dhihaataan qopheeffachuu akka qaban hubachisuun isaanii gabaasameera.

Walgahiin mootummootaa gamtoomanii halaa jijjirama qileensaa irratii maryatuu biyyaa qopheesituu Masriif Ministira dhimma alaa kan ta’an Saamii Shukurii haalaa jijjirama qileensaa Afrikaa Ilaalchisee waadaan Gilaaskoo Iskootilaand keessatti galamee hojii irra akka hin oolle himuun isaanii ibsameeraa.

Yaa’ii torban haala qileesa Afrikaa marsaa sadaffaaf taasifamu kana irratti haanga’onni mootummaa fi qooda qabeessonni 1000 ta’an hirmachuun isaanii beekameeraa.

Jijjirama haala qileensaatin kan ka’ee yeroo amma Afrikaan bahaa fi gaanfii Afrikaa balaa hongeetiin, kutaan saahiil ho’aa gammoojii hamaadhaan , biyyoottan walakeesaa, lixaa fi kibba Afrika immoo balaa lolaa roobaa irraa ka’een midhamaa jirachuu isaanii Asooshiiyeetid prees gabaasee jira.

Rakkina haala qileensaa Kanaan walqabatee balaa hongee ishee muudaateen kan ka’ee biyyi Zimbaabuwee bineensotaa eegumsii taasifamaafii ture 2500 kibbaa biyyatti keessaa kaasuudhaan garaa Kaaba biyyatiitti dabarsuu jalqabdee jirti.

Bineensotaa kana keessaa keesaa Arbii 400 fi Gafarsii Shantamnii akka argaman kan ibsee gabaasinni Asooshiiyeetid prees bakkii biineensonni kun itti geessamaa jiran bakka kanaan dura keessa turan irraa kiiloomeetirii 700 akka fagaatuu beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG