Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaa fi Chaayiinaan'faa Shaakala Waraanaa Jalqabuun Himame 


Suuraa Ministira Ittisaa Raashiyaa irraa Hagayya 29, 2022 argame loltoonni Chaayinaa Grodekovoo keessatti yeroo shaakallii waraanaa irratti hirmaatan agarsiisu, Raashiyaa
Suuraa Ministira Ittisaa Raashiyaa irraa Hagayya 29, 2022 argame loltoonni Chaayinaa Grodekovoo keessatti yeroo shaakallii waraanaa irratti hirmaatan agarsiisu, Raashiyaa

Raashaa fi Chaayinaan biyyoottan biroo waliin ta’udhaan kamisaa har’aa shakalii umnaa waraanaa taasisuu jalqabuu isaanii gabaasinii Asooshiyeetid prees ibseeraa.

Ministeerrii Itiisaa mootummaa Raashaa akka jedhetti Shaakallii waraanaa “Voostook Ykn baha 2022” jedhamee moggafamee fi amma Fulbaanaa Torbaatti Itti fufu kana irratti loltoonni lafoo kuma 50 , xiyyaarota waraanaa 140 fi dooniwan 60 dabalatee kutaaleen meeshaalee waraanaa 5000 ta’an ni hirmaatuu.

Walti dhufeenyii Chayinaa fi Raashaan Yunaayitid Isteets wajjin qaban muddama keessaa yemmuu jiru kanatti Shaakalli waraanaa taasifamuu kana irratti kan hirmaatan biyyootaan hedduu Repaabilikii Sooviiyeet duraanii jala turan, Chaayinaa, Indiyaa, Laa’os, Moongooliyaa, Nikaaraaguwaa fi Sooriyaa akka ta’an jeeneraala waraanaa Raashaa Olaanaa waabeffachudhaan Assoosheetid prees gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG