Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni Inerjii Atoomikii Adduunyaa, IAEAn Dhaabbataa Nuukileeraa Yuukreen Qorachuu Jalqabe 


FAAYILII - Hoogganaa IAEA Rafayeel Mariinoo, Fulbaana 1, 2022
FAAYILII - Hoogganaa IAEA Rafayeel Mariinoo, Fulbaana 1, 2022

Dhaabbataa mootummoota gamtoomanitti qaamnii dhimmaa nuukileeraa irratii hojjatuu dhaabbanii Atoomiik Inarjii Adduunyaa kamisaa har’aa haala dhaabbanni Nuukileeraa Yuukreen Zaaporizihiziyaan irra jiruu qorachuu jalqabuun isaa gabaasamee jira.

Daarikteerri Dhaabataa Atoomiik Inarjii Adduunyaa Rafaa’el Groosii naannoo dhaabataa Nuukileeraa sana irratti sochiin loltootaa hedduminaan akka mul’atu oduu gabaastotanii akka himan ibsameeraa. ogeessonni dhimma nuukleeraa kun guyyoottan muraasa dhufaniif akka achi turan kan ibsan Raafaa’el Groosii fuldurattis ogeessonni dhaabbatichaa haala dhaabataan achi turuu danda’an irratti akka hojatan himaniiru.

Itti gaafatamaan Imaamata dhimmaa Alaa gamtaa Awurooppaa Joseef Booreel dhimmaa kana irratti Roobii kaleessaa ibsa kennaniin Raashaan naanoo dhaabataa Nuukileeraa sana sochii waraanaa irraa akka bilisaa gootu gaafachuu isaanii himaniiru.

Itti gaafatamaan dhimma preesii Peentaagoon Birgaader Jeeneeraal Paat Rayider dhaabanii Atoomiik Inarjii Adduunyaa hojii isaa akka hojjachuu danda’u Raashaan gochuu qabdii jechuun isaanii gabasameeraa.

Jeeneraal Rayider dhimmaa Kanaan walqabsiisuudhaan ibsa kennaniin Minstirri Ittisaa Yunaayitid Isteets Lilooyid Oosten Fulbaanaa 8 bara 2022 buufata xiiyaaraa Yunaayitid Isteets isaa biyyaa Jarmanitti argamuu Raamisteenitti argamuudhaan ministirootaa Itisa biyyaa fi ogeessotaa waraanaa biyyoottan 50 waliin waa’ee gargaarsa Yuukireen irratti akka mari taasisan beeksisaniiru.

Dhimma yuukireen kannan walqabatee oduu gabaastotaaf Roobii kaleessaa ibsaa kan kennan masaraa Waayit Haawusitti dubii himaa dhimmaa nageenya biyyalessaa kan ta’an Joon Kerbii, Yunaayitid Isteets gargaarsa Kanaan duraa Yuukireeniif taasfete Biiliyoonii 13 irratii dabaluudhaan dhiheenyaa kana gargaarsaa nageenyaa laachuudhaaf akka karoorfatte beeksisuun isaanii gabaasamera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG