Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Itiyoophiyaa Keessatti Geggeessamu Akka Dhaabatuu fi Mariin Nagaa Akka Geggeessamu Waamichi Itti Fufee Jira


Lolli Itiyoophiyaa Keessatti Geggeessamu Akka Dhaabatuu fi Mariin Nagaa Akka Geggeessamu Waamichi Itti Fufee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:18 0:00

Lolli Itiyoophiyaa Keessatti Geggeessamu Akka Dhaabatuu fi Mariin Nagaa Akka Geggeessamu Waamichi Itti Fufee Jira

Lola Kaaba Itiyoophiyaa keessatti geggeessamaa jiru ilaalchisuun kanneen ibsa kennan Yunaayitid Isteetisii fi Yunaayitid Kiingdem yokaan Briteen, gareen lameenuu sochii waraansaa dhaabanii akka marii araaraatti deebi’an waamicha dhiheessanii jiran. Mootummaan Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay ammoo jalqabamuu fi babal’achuu waraansichaaf inni tokko isa kaan balaaleffachuu ittuma fufanii jiru.

Dubbi himaa Waraana Bilisummaa Uummata Tigiraay yokaan TPLF Geetachewu Raddaa waabefachuudhaan Maddii Oduu Rooyiters akka gabaasetti waraanii mootummaa Itiyoophiyaa waraanaa Eritiriyaa wajjin ta’uudhaan Kamisaa har’aa ganamaa barii iraa kaasee humnoota TPLF ka Kaabaa Tigraayitti argamu irratii haleellaa bal’aa raaw'achuu jalqabe, jechuu isaanii himee jira.

Komaandii poositiin waraanaa Tigraay gama isaatiin, dhimaa kana irratii ibsaa Kamisaa har’aa baaseen, “diinni har’aa ganamaa barii akka lakoofsaa biyyatii saa’tii 10 fi walakkaa irraa jalqabee naannoo Adyaabootti kallatii afuriin haleellaa aaw’achuu jalqabe" jedhe.

Wal-waraansaa Kaaba-lixa Tigraayitti taasifamaa jira, jedhame kana ilaalchisee mootumaa Itiyoophiyaa irraa deebiin hanga ammati keennamee hin jiru. Tahsus gama biraatiin, Ministeerii dhimma alaa Itiyoophiyaa haalaa yeroo irratii ibsa har’a hawaasaa dipiloomaatotaa Finfinnee jiraaniif kenneen, haalii diinummaa babal’achaa ka jiru tahus mootumman Itiyoophiyaa rakinichaa karaa nagaatiin xumuruudhaaf ammas fedhii qaba, jedhee kan adeemsaa nageenyaa Gamtaa Afrikaatiin hoogganamaa ture haalduree kaa’uudhaan danqee TPLF akkka tahetti dubbate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG