Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Waraanaa Kan Maaynamaar Murtii Kenne


Hoggantuu duraanii Maaynamaar Aann saan suu kii
Hoggantuu duraanii Maaynamaar Aann saan suu kii

Manni murtii waraanaa kan Maaynamaar hoggantuu duraanii Aann saan suu kii filannoo bara 2020 gaggeeffame irratti shiira hojjatan jechuun hidhaa waggaa sadii irratti murteessee jira.Filannoo sanaan paartiin hoggantuun duraanii guutummaan injiifatee ture jechuun madden dhimmi kana keessa beekan har’a ibsanii jiru.

Umriin isaanii 77 kan ta’e fi badhaasa Noobeel kan argatanii turan Suu kiin hojii humnaa olii hojjachisuu, adabaaf itti gargaaramu jechuun himatamanii hidhaan waggaa sadii irratti muramuus madden ibsanii jiru.

Waggaa dabree mootummaa fonqoolchuuf yaalan jedhamuun hidhaa keessa kan jiran suu kiin, malaamaltummaa fi himannaalee kanneen biroon mootummaan irraa waraanaa irratti dhiyeesseen hidhaan waggaa 17 irratti muramee ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG