Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Raashaan Gaggeessitu Itti Fufee Jira:Briteen


Faayilii-Lola Yukireenii fi Raahiyaa
Faayilii-Lola Yukireenii fi Raahiyaa

Yukreen gama kibbaa keessatti wal waraansii hamaan gaggeeffamaa kan jiru ta’u kan ibsee ministriin Ittisaa kan Briteen, konyaa Eneergodaar lafa warshaa nukleeraa yukreen kan Raashaan to’ataa jiru zaproojiyaa cinatti argamuus haleellaan kun ni dabalataa jedhee jira.

Warshaa Nukleeraa kana yeroo ammaa hayyonni Tokkummaa Mootummootaa qorataa fi ilaalaa jiru.Gareen hayyoota Nukleeraa kan Tokkummaa Mootummootaa nageenya warshaa Sanaa ilaaluuf hojii marsaa duraa kan xumuuran yoo ta’u, kanas kamiisa kaleessaa warshaa Zaproojiyaa keessa jiru daawwachhun ture.Yeroo isaan hojii isaanii kana gaggeessaa jiranti, wal waraansii Raashaa fi Yukreen gidduu waraansii belbeelaa ture.Garu Jimaata har’as hojii isaanii itti fuufanii jiru.

Prezidaantiin Yukreen Volodmiir Zelenskii kamiisa kaleeaa galgala haasawaa dhageesisaniin, ergamnii hayyoota tokkuummaa mootummootaa kun akka milkaa’uuf Yukreen waan barbaachisu mara gootee jirti.Garu weeraratoonni imalli hayyootaa kan akkaan barbaachisaa ta’e duubatti akka deebi’uu fi bu’as kan hin qabne gochuuf yaaluun isaanii gaarii miti jedhan.

Gochi akkasii kun ittifamuu qaba kan jedhan daayreekteerri walii galaa kan dhaabata humna Atomikii addunyaa Rafa’eel Groosii garee to’annaa fi qorannaa gaggeessu kan hayyoota 14 qabu hogganuun iddoo sanatti argamu.

Oduu gabaastootaaf Kamiisa kaleessaa akka ibsanti, Awuroopaa keessatti warshaa Nukleeraa guddicha ta’e kana keessa turree akka ilaaluuf dhaabbatii keenya mijeessee jira jedhan.Waa’een warshaa Nukleera kanaa na yaadeessa, yaadda’uun kookunis itti fuufa jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG