Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchaan Magaala Shawaa Roobiit Ni Ajjeefaman


Naannoo Shawaa Roobit
Naannoo Shawaa Roobit

Godiina shawaa kaabaa keessatti bulchaan magaalaa shawaa Robiita Obbo Wubsheet Ayyaaleew kaleessa galgala lafa hojii turanii ennaa manatti galan hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen rasaasaan ajjeefamuu isaanii, waajirri dhimmi komuunikeeshinii bulchiinsa magaalaa beeksisee jira.

Yeroo kun ta’etti isaan bira kan turan haatii warraa isaanii midhaa irra ga’een wal’ansa fayyaa argachuun isaanii ibsamee jira.

Magaala shawaa Robiit keessatti dhalatanii kan guddatan Obbo Wuubsheet Ayyaaleew umriin isaanii 37 yoo ta’u ijoollee dhiiraa fi durba qabu turan. Sirnii awwalcha isaanii har’a kan raawwatamee ta’un ibsamee jira.

Nagaa fi nageenya magaalatti mirkaneesuuf jecha, sochiin Bajaajjii galgala keessaa sa’a lama irraa qabee hanga sa’atii shanti dhorkamuu, akkasumas qaamolee mootumman ala eenyu iyyu meeshaa waraanaa qabatee socho’uu akka hin dandeenye labsamuu Masfin Arraagee gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG