Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Qarqara Afaan Beelaa Jirti:Angawaa Gargaarsaa 


Martin Griffiths, Undersecretary-General for Humanitarian Affairs and Emergency, right, speaks at a news conference in Mogadishu, Somalia, Sept 5, 2022.
Martin Griffiths, Undersecretary-General for Humanitarian Affairs and Emergency, right, speaks at a news conference in Mogadishu, Somalia, Sept 5, 2022.

Kan caamnii hamaan mudatee Somaliyaan yeroo waggaa kudhan caaluu keessatti yeroo lammataaf qarqara afaan beelaa jirti jechuun Tokkummaa mootummootaatti aangawaa gargaarsaa dhala namaa (OCHA) kan ta’an Maartiin Griifiz ibsanii jiran.

Lubbuu namootaa olchuuf yeroon kan dabree fakkaata jedhanii beellii balbala nama hundaa dhaqqabee waan jiruuf jecha waamicha isa dhumaatu nu dhiyaachaa jira jechuun oduu gabaastotaaf Moqdishoo keessatti ibsa kennan.

Nyaataa fi kan madaalamaa ta’e kan ilaaleen gabaasnii Wiixata har’a gabaasnii ba’u, beellii kutaa Baaydo’aa fi Burhan kabeyin kan somaaliyaa kibba waaltaa keessaa baatii dhufu jechuun Onkolooleessa hanga Muddeetti beelli akka seenu qabatamaan agarsiisa jedhan Griifitz.

Guyyoota dabran muraasa keessatti rakkinaa fi miidhaa lammiwwan somaaliyaa keessa jiran arguu koon hedduun rifadheen jira jedhanii, somaaliyaa daawwachuu kan ajalqaban Kamiisa dabree ture.

Marsaa walitti aanan afuriif Roobnii dhabamuun, walitti bu’iinsii waggoota kurna hedduu, godaansii uummataa guddaan, rakkoo dinagdee jabaan walitti dabalamee uummata qarqara afaan beelaan ga’e jedhan Griifiz.

Lubbuu uummataa olchuuf carraan jiru isa xumuraa irra jirra jedhanii, Somaaliyaa fi biyyoota gaanfa Afrikaa Itiyoophiyaa fi Keniyaa dabalatee waggoota 40 keessatti caama hamaadha jedhameen qabamanii beeleedaaleen isaanii dhumanii midhaan facaafatanis karaatti hafee jedhanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG