Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rutoon Karaa Sirrii Ta'een Filataman:Mana Murtii Mummicha 


Faayilii-Abbootii murtii Mana murtii muummicha Keeniyaa

Manni murtii mummichi kan keniyaa wiliyaam Ruttoo injifatanii prezidaantii Keniyaa ta’uun filatamuu isaanii beeksisee jira. Rutoonis sana booda haasawaa dhageesisaniin uummata keniyaaf kan hojjatan ta’u dubbatan.

Manni murtii iyyata Raailaa Odingaa fi kanneen biroon dhiyaate kan shiiratu hojjatame jedhu sana sagalee guutuun gatii dhabsisee.

Murtii har’a kana kan simatan Rutoon uummata Keniyaa tajaajiluuf kan jiran ta’u waadaa seenan.

Manni murtii abbootii murtii 7 qabu kun ba’iin filannoo Hagayya 9 gaggeeffame akka heera biyyattii fi seera filannoo jiruutti kan gaggefefame jedhee jira.

Abbootiin murtii kun waan seeraan ala hojjatame fi qabatamaa ta’e hin arginee jedhanii jiru.

Forum

XS
SM
MD
LG