Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Waraansi Jalqabame Dhaabachuu Qaba 

FILES-ETHIOPIA-UNREST-CONFLICT
FILES-ETHIOPIA-UNREST-CONFLICT

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti, dinummaan wal ilaaluun kan bifa haaraan jalqabamee akka dhaabatuuf, bulchiinsa naannoo sabaa fi sablammoota uummattoota Itiyoophiyaa gama Kibbaa keessatti kan argaman miseensoonni paartilee siyaasaa 16 kokasii gaggeessaniin gaaftanii jiru.

Kokasiin kun ibsa baaseen Bitooteessa 24 mootummaan Fedeeraalaa dhukaasa dhaaniinsa labsuun isaa, kunis Adda Bilisummaa Uummata Tigraayiin (ABUT) simatamuun kan nama jajjabeessuu turejedhe.

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti dinummaan wal ilaaluun kun itti fufuu isaaf gadda itti dhaga’ame ibsee jira.Kanaafis mootummaan marii karaa nagaa gaggeeffamuuf balbalaa isaa banee kanaafis qophii ta’u isaa akka labsu ibsii ba’e gaafachuu isaa Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG