Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awwaalcha Muummee Ministeraa Jaappaan Duraaniif Doolaarri Miiliyoona 12 Ramadame


FILE - Muummicha Ministeeraa Jaappaan duraanii Shiinzoo Abee
FILE - Muummicha Ministeeraa Jaappaan duraanii Shiinzoo Abee

Mootummaan Jaappaan sirna Awwaalchaa Muumee ministiraa duraanii Shiinzoo Abbeetiif Doolaaraa Miiliyoonii 12 ykn maallaqa biyyatti yanii Biiliyoonii 1.65 ramaduu isaa beksisee jira.

Mootummaan Jaappan ji’a hagayyaa keessaa Doolaraa Miiliyoonii 1.7 kan ramadee ture yemmuu ta’u eegumsaa nageenyaa fi namoottan awwalichaa irratti argaman keessumeesuudhaaf gahaa miti jedhamee qeequmsii irratti dhihaatee ture.

Kanuumaan kan ka’e mootummaan irra deebii’ee ilaaluudhaan eegumsaa nageenyaatiif doolaraa Miiliyoonii 5.6 ,namoottan sirna awaalchichaa irratti argamuudhaaf dhaqan keessumeesuuf immoo doolaaraa Miiliyoonii 4.3 ramaduu isaa hogganaan kaabinee nageenyaa biyyatti Hirookaazuu Matsuno ibsaniiru.

Sirna awwaalchaa Sadaasaa 27,2022 raawatamu irratti keessummoonni 6000 ta’antuu akka argaman gabaasameera. Shiinzoo Abee ji’a Adoolesaa darbe keessa ittuu haasaa duula filannoo taasisaa jiranii rasaasaan rukutamanii harka namaatti du’uun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG