Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden garee pezidaantii duraanii qeequu itti fufanii jiru


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden
Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Prezidaant Joo Baayiden, guyyaa hojii guutummaa biyyatti keessatti wixata kaleessa kabajaamee oolee irratti haasaa duulaa filannoo walakkeessaa kutaa biyyaa Wiskonsini fi Pensilveeniya ti taasisanin wareen siyaasaa Amerikaa keessatti yaadaa finxaaleyyummaa geggeesaa jiru jedhan balaaleffataniiru.

Baayideen haasaa isaanii kana keessatti wareen yaadaa Prezidaantti biyyatti duraanii Doonaald Tiraamp hordofan dimokraasii biyyatiitif soda dha jedhanii jiru.

Itti dabaluudhaanis As irratti ifa gochuun barbaada. Rippaablikoonni hunduu waraa yaadaa “Make America Great Again” jedhu geggeesan miti. Rippaablikoonni hunduu warra yadaa finxaaleyyummaa qaban miti. Ripaabilikaanota idilee ta’anii wajjin hojjadheen beeka. Haata’u malee rippablikaanonni mana maree keessa jiran wareen yaadaa finxaaleyyumaa qaban boodatti deemuu filatan. Aarii, hokkoa, jibbiinsa fi qoodinsaan guutaman. Garuu waliin taanee ni dandeenyaa.karaa gara fulduratti nu geessu biroo filachuu qabna” jedhan. Hasaan prezidaanti Bayiden kan nama gargar qooduudha jechuudhaan prezidaantii duraanii Doonalid Traamp qeequun isaanii beekameeraa.

“ joo baayiden Filaadeelfiyaa fi Pensilveeniyaa dhufanii haasaa hadhawaa, kan jibbinsaan guutamee fi kan nama gargar qoodu kan prezidaantti biyyatti kamiinuu taasifamee hin beekne taasisan. Namoottan miiliyoonii 75 amma miiliyoonii 150 ti tilmaamamuu akka sodaa dimokraasii fi diinaa biyyaa ta’anitii farrajanii maqaa balleessani. Hundii keessan diinaa biyyaati.’’ Jedhan Doonaald Traamp

Pitisberg Penselveeniyaa keessatti kan hojjattootaa gamtaa wajjin wal argan prezidaant Baayiden, Wareen jireenyaa walakkeessaa irra jiran Ameerikaa ijaaran, hojjattoonni immoo wareen jireenyaa walakkeessaa jiraatan ijaaran jechuun isaanii gabaasameeraa.

Kutaan biyaa Pensilveeniiyaan fi Wiiskonsiin filannoo moo’anii olaantumaa sagalee kongireesiidhaa fi Senetii keessati qabachuudhaaf waan murteesa ta’aniif paartileen lammanuu kutaalee lamman kana irratii xeyyeeffanna guddaa taasisanii jiru.

Guyyaan hojii wixataa kaleessaa kabajamee oolee hojjattootaaf kabaja kennuudhaaf ergaa bara 1894 jalqabee wagga waggaadhaan guutummaa biyyaatti kan kabajamuudha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG