Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’iinsa Sudaan Keesatii Umameen Daa’imman Du’uun Ibsame


Faayilii-Walitti bu'iinsa Sudaan
Faayilii-Walitti bu'iinsa Sudaan

Biyya Sudaan kutaa Biluu Naayil keessatti walti bu’insaa akka haaraatti jalqabeen daa’imman lama du’anii 10 immoo madaa’uun isaanii akka isa gaddisiisee dhaabbanni dhimma ijoolewwanii irratti hojjatuu Save the children ibsee jiraa.

Walitti bu’insaa Fulbaanaa 1,2022 jalqabee guyyootan Afuraan darbaniif taasifaamaa turee kanaan daa’imman Lama dabalatee namoonni 23 du’uuni namoonni 44 immoo madaa’un isaanii gabaasamee jiraa.

Namoottan hedduun walti bu’iinsaa Kanaan kan ka’ee qe’ee isaanii irraa buqa’anii mannoottan barnootaa 6 keessaa qubatanii akka jiran ibsameeraa.

Daarekteerii Save the children kan Sudaan Arshad Maliik wareen walti bu’insichaa keessatti hirmaachaa jiran namoottan balaadhaaf saaxilamoo ta’an keessuumaa Daa’imaniif akka eegumsaa taasisan,namoonii walti bu’iinsicha baqachuuf qe’ee isaanii gadi lakkisaan akka frdhii isaanii malee qe’ee isaanti deebi’an hin godhamene gaafachuun isaanii gabaasameera.

Walti bu’insii tibbana jalqabee kun, walti bu’insaa Ji’a Adoolessaa darbe keessaa taasifamee lubbuu namoottan 182 galafatee, namoottan Kuma 37 jireenyaa isaanii irraa buqqisetti aanee kan taasifamee ta’uun isaa beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG