Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Waag Himiraa Keessatti Miseensonni Maatii Tokkoo 10 Ajjeefamuun Himame


Faayilii-Magaalaa Saqoxaa
Faayilii-Magaalaa Saqoxaa

Naannoo bulchiisaa Amaaraa Godinaa waag himiraa anaa Soqoxa ganda Weleh keessatti haleelaa meeshaa waraanaa ABUTn raawatameen namoonni miseensaa maatii tokkoo ta’an 10 ajjeefamuu isaanii Asteer Misgaanawu Baahir Daar irraa gabastee jirti.

Dubbi himaan bulchiinsaa Godina Waag himiraa Kefyaalewu Debesh akka VOA ti himanitti namootan ajeefaman keessaa dubartiin reefuu eerumtee tokko keessati argamuun ishee waan nama naasisuudha jedhanii jiru.

Dimma kana irratt ABUT irraa deebiin battalaatti argamee jiraachuu baatus dubbii himaan ABUT Geetachewu Radda kaleessaa oduu gabbastotaa naannootti akka himanitti dhaabannii isaanii siviilotaa kan ajjeesuu ittuu hin ta’in booji’amtootaa waraanaa irra iyuu akka miidhaan hin geenyee taasisaa jiraachu isaa ibsanii jiru.

Dhaabbileen hawaasa Adduunyaa fi dhaabileen gargaarsaa gareewwan wal lolaa jiran siviilotaaf akka eegumsaa godhan gaafachuun isaanii gabaasamee jira.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa gama isaatiin gareewan walwaraansaa keessaa jiran lubbuudhaaf nageenya siviilotaatiif akka eegumsaa taasisan gaafachuu isaa gabaasinii Asteer Misgaanaawu ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG