Manii murti feederaalaa dhadachii Lidataa itti gaafatamaa dhimmaa alaa Paartii Mormitootaa Saalsawii Weyyaanee kan ta’an Obbo Hayiluu Kebbedee guyaa dabalataa 14 fi mana hidhaa akka turan murteesee jira.
Gabaasaan VOA Gebemikaa’el Geberemedihiin akka gabaaseetti manii murtichaa murtoo kana kan keennee Poolisiin ragaa naamootaa fi galmee gahaa ta’ee qabate dhihaachuudhaaf yeroon qorannaa dabalataa akka eeyyamauuf gaaffii dhiheesse irratti hunda’udhaan.
Abukaatoon Himatamaa gaaffii Poolisootaa mormanus , manii murti mormii Abukaatoo Himatamaa fudhachuu didee gaaffii Poolisiitiif eyyama keennee jira. Obbo Hayiluun dhaaba mootummaan Shorokeessumaatti Farraje ABUT wajjin Hidhata qabu jedhamanii hagayyaa 28 ti kaasee too’anoo jala jiru. Beelamnii isaanii itti aanu Fulbaanaa 5 barra 2015 akka ta’ee gabaasinii Geberemikaa’el Gebremeedihin ibseera.
Forum