Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Yukireen Raashiyaa Cimsa Malee Hin Dadhabsiisu: Prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin


FAAYILII - Prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin fooramii dinagdee Raashiyaa keessatti geggeeffame irratti, Fulbaana 7, 022
FAAYILII - Prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin fooramii dinagdee Raashiyaa keessatti geggeeffame irratti, Fulbaana 7, 022

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putin biyyi isaanii duula waraanaa Yukireen geggeessiteen homaa kan hin dhabne ta’uu ishee fi Abbaa biyyummaa Raashiyaa kan cimsite ta’uu har’a ibsa kennaniin beeksisaniitu. Marii dhimma dinagdee tokko irratti Putin ennaa dubbatan, tarkaanfii Raashiyaan fudhattu martinuu uummata Donbaas gargaaruu irratti kan fuuleffate jedhan.

Kun booda irra biyya keenya keessaa fi imaammata ishee alaa kan cimstuu dha jedhan Putin.

Raashiyaan xumura baatii Guraandhalaa irra Yukireeniin kan weerarte yoo ta’u, gara magaalaa galma mootummaa Yukireenitti deemsa gootu dhiisuu dhaan bara 2014 qabee loltoonni deggertoota Raashiyaa ta’an bakka humnoota Yukireen waliin wal waraanan Yukireen gama bahaatti kan argamtu naannoo Donbaasitti fuuleffattee jirti.

Putin tokkummaa mootummootaa fi Turkii gidduutti walii galtee irra ga’ame kan rakkoo nyaataa addunyaa furuuf jecha midhaanni Yukireen irraa fe’amuun deebi’ee akka jalqabamu jedhu qeeqanii, oomishaawwan gara biyyoota addunyaa hiyyeeyyii ta’anitti in ergamu jedhan.

Walii galteen sun hojii irra ooluu kan to’atu waaltaan qindeessa gamtaa kibxata kaleessaa akka beeksisetti, midhaanni metirik toonii 2.2 ol fi meeshaaleen nyaataaf oolan kanneen biroon dooniiwwan 100 ta’anitti fe’amanii buufata doonii Yukireen irraa ka’aniiru. Bakka isaan dhaqan keessaa Xaaliyaanii, Turkii, Iraan, Chaayinaa, Romaaniyaa, Jabuutii, Lebanon fi Jarmaniin keessatti argamu.

Gorsaan prezidaantii Yukireen Mikaahiloo Podoliyaak, walii galtee sana ilaalchisee yaada Raashiyaan kennite kan hundee hin qabaannee dha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG