Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hanni Gargaarsa Namoomaa Bifa Kamii Iyyuu Fudhatama Hin Qabu: USAID


USAID logo
USAID logo

USAID ''hanna gargaarsa namoomaa kamiyyuu haalaan kan ilaaluuf himannaawwan dhiyaatan kan qoratu ta'uu ibseera. Mootummaan Itiyoophiyaa dhiyeenya ABUT gargaarsa namoomaa loltootaaf malu gara loltoota isaatti dabarsa jechuun himateera. Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa kan muummicha ministiraa Dooktar Abiy Ahmad ta’an Ambaasaaddar Reedwaan Huseen suuraalee borsaawwan gargaarsa nyaataa USAID humnoota Itiyoophiyaa waliin erga wal waraananii booda dahata TPLF dhiisee baqate keessatti argaman jedhaman teweeter isaanii irratti deebisuun barreessaniiru.

USAID suuraawwan jedhaman kana maqaa hin dhoofne. Haa ta'u malee gargaarsa namoomaa "gareeleen hidhatan itti fayyadaman kamiyyuu balaaleffateera. Lola Kaaba Itiyoophiyaa ilaalchisee, dubbi himaan ABUT, Geetaachoo Redaa har’a tiwiitara isaanii irratti barreessuu dhaan “humnoonni Eertiraa Rama, Tseronaa, Zalambessaa fi Daallol irratti haleellaa geggeessan jedhan. Guyyaa guutuu qarqara magaalaa Adigraat irratti dhukaasaa turaniiru jedhan.

Barreeffama Twiteraa obbo Getaachoo kana irratti gama Ertiraa irraa deebiin hin kennamne, garuu Ministeera Odeeffannoo Eertiraa kan ta’an Yemane G/Mesqel har’a tiwiitara irratti barreessuun waraana adeemsifamaa jiruuf TPLF himataniiru. TPLF kaayyoon isaa inni ijoon karaa waraanaatiin Mootummaa Federaalaa kuffisuu dha jedhan. Ajandaa tasgabbii dhabsiisuu fi "jijjiirama sirnaa Eertiraa of keessatti qabata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG