Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Waaltaa fi Lixaa Keessatti Barattoonni Miliyoona 57 Barumsa Dhaaban    


Ijoollewanii fi dargaggoonin kutaa Walakeessaa fi lixa Afrikaa miiliyoonii 57 ta’an mana barnootaa dhaquu akaa hin dandeenyee ibsamee jira.

Guyyaa “baruumsaa haleellaa irraa eeguu” ilaalchisee dhaabanii Norwegian Refugee Council fi dhaabbileen Mootummootaa gamtoomanii UNHCR, dhaabbanii dhimmaa baqatootaa irrati hojjatu, akkasumas UNICEF dhaabbanii dhimaa Iloollewanii irratii hojjatu ibsa waloodhaan baasaniin lammiileen Afrikaa baruumsaa dhaabaan kun wareen adduunyaa irratti baruumsaa dhaabuuf dirqammanii jiran Miiliyoonii 236 keessaa Dhibeentaa 24.1 akka ta’e ibsaniiru.

Akka gabaasinni waloo kun dabalee ibsetti biyyootaan Saddeet kutaa Afrikaa kana jiran keessatii bara 2021 amma 2022 ti mannoottan baruumsaa 12,400 cufamaniiru. ijoolleewwan Burkina faasoo, Chaad, Maalii fi Niijer keessa jiran walakkaadhaa ol mana baruumsaa akka dhaqaa hin jire gabaasni dhaabbilee kanaa ibsee jira.

Ergaa “barnootaa haleellaa irraa eeguu” jedhuun guyyaa borii yaadatamee oolu sababeeffachuudhan dhaabbileen namoomaa sadan umnoottan mootummaa fi umnoonni hidhatootaa akkasumaas wareen biroo waliti bu’insaa keessatii qoodaa fudhatan akka mannoottan baruumsaa irratti haleellaa taasisuu dhaaban gaafatanii, hawaasni adduunyaa haleellaa barattoota, barsiisotaa fi namoottan baruumsaa irratti raawwataman dura akka dhaabatanii fi walqixxummaa barnootaa akka degeran waamichaa dhiheesuun isaanii gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG