Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantin Somaaliyaa Kantiibaa Magaala Moqaadishoo Jijjiran


Prezidaantii Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaammud
Prezidaantii Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaammud

Prezidaantin Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud kantiibaa magaala Moqaadishoo fi bulchaa kutaa biyyaa Baanaadiir kaasuudhaan nama biraa bakka buusunn isaanii beekamee jira.

Dubbii himaan Prezidaanti Somaaliyaa Abdiikariim Ali kaar suur -sagalee gaazexessootaaf erganiin, yaada ministeera dhimma biyyaa keessaa irra dhihaate fudhachudhaan prezidaantichii kantiibaa magaala Moqaadishoo jijjiruu isaanii akka ibsan Moohaamad Dhaaysen Moqaadishoo irraa VOA daaf gabaasee jira.

Erga bara 2019 jalqabee kantiibaa magaala Moqaadishoo kan turan Omar Filiish kan bakka buufaman Yusuf Huseen Jim’aletiin yemuu ta’u , Yusuuf Jim’alee yeroo prezidaantiin amma aangoo irra turan bara 2015 hanga 2017 ti kantiibaa magaalaa Moqaadishoo nama turaniidhaa.

Prezidaantiin haaraan namoottan imaammata misoomaa fi nageenyaa isaan qopheeffatan hojii irraa olchuu danda’an aangoo irra kaa’aa akka jiran xiinxaltoonni himuu isaanii gabaasnii Muhaamad Dhaayisen kun ibseera.

Je’a Hagyyaa darbee keessaa gareen hidhatootaa al Shabaab magaala Moqaadishootti hoteelaa tokko keessaatti haleellaa raawwateen namoonii 21 du’anii 100 ol madaa’un isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG