Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Humna Ibsaa Keniiyaatti Akka Gurguruuf Jirtu Beeksise


Ji’a sadaasaa bara kanaa irraa jalqabee Itiyoophiyaan umnaa ibsaa keniiyaatti gurguruu akka jalqabdu fi sarara elektiriikii garaa kenuyaatti dirrifamee irratti yaaliin taasifamaa jiraachuu isaa dubbii himaa dhaabbataa umna elektiriikii Itiyoophiyaa Mogos Mekonen waabeffachuudhaan gabaasaan VOA Gabremikaa’el Gebremedihin Finfinnee irraa ibseera.

Akka dubbii himaan dhaabatichaa jedhanitti bara baajataa 2021 hangaa 2022 isa Adoolessa Torba raawwateetti enarjii biyya ollaatti gurguramee irraa Itiyoophiyaan galii Birri Biiliyoonii Shanii Ykn doolaaraa Miiliyoonii 95 argattee jirti.

Umnaa ibsaa keniyaatti gurguruu jalqabuun galii biyyattin waggaatti gurgurtaa enarjii irraa arggatu garaa doolaara miiliyoonii 140 ti akka guddisuu dubii himaan dhaabatichaa ibsaniiru.

Wali galtee keniiyaa waliin taasifamee irraa akka beekametti itiyoophiyaan waggaatti umna elektiriikaa meegaa waatii 200 amma 400 gara keniyaatti ergiti. Sararrii garaa keniyaatti diriirfamu kun kan ojjatame liqii Baankii misooma Afrikaa irraa argamee doolaraa biiliyoonii tokkoon akka ta’e beekameera.

Itiyoophiyaan ittu rakkina ibsaa biyya keessa jiruu hin hiikamin biyya alaatti gurguruun isheen barbaachisaa akka hin taanee namoonni qeeqan kan jiran yemuu ta’uu dhimaa kana irratti gabaasaan VOA kan haasfsiisee ogeesii diinagdee obboo Adam Feetoo, umnii Elkektiriikaa kan biyyaa alaatti danbali’u yemmuu itti fayyadamnii biyya keessaa gadii bu’u halkan faa keessaa waan ta’eef itti fayyadama biyya keessaa hin miidhuu jedhanii jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa ji’a Caamsaa darbe keessaa akka ibsetti waggootan Kurnan dhufan keessatti galii sharafaa alaa biyyattin Umnaa Elektiriikaa irraa argattu gara doolaaraa Miiliyoonii 400ti ol kaasuudhaaf karoorfatee jira.

Itiyoophiyaa umna elektiriikaa Jibutiidhaa fi Sudaanitti gurguraa akka jirtu ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG